Services

Kaayyoo, Ergamaa fi Kenniinsa Leenii Instiitiyuutii Leenjii Ogessota Qaamolee Haqaa fi Qo’annoo Seeraa Oromiyaa

Afaan Oromo

Sirna haqaa naannoo  ykn  hawaasa tokko keessatti dagaagisufis ta’ee dagaagee akka itti fufu  tasisuudhaaf ogeessota qaamlee haqaa aadaa kenninisa tajaajila haqaa hawaasa keessa jiranii  waliin wal baranii fi fedha hawaasaa irratti hunda’anii tajaajilan, seerota yeroo yeroon bahan waliin of-simsiisaa deemanii fi ilaalcha tajaajiltummaa hawaasaa gonfatan horachuun barbaachisaadha. Kanaaf ogeessota qamolee haqaa dandeettii, naamusaa fi ilaalcha tajaajiltummaa isaanii dabalaa deemuuf sagantaa leenjii adda addaa qopheessudhaan gahumsa isaanii cimsaa deemuun fala filannoo hin qabineedha. Sadarkaa gahumsa ogummaa, dandeettii, naamusaa fi ilaalcha ogeessota qamolee haqaa kanneen ijaaruu bira darbee ogeessota qamolee haqaa mirga namummaa fi heera mootummaatiin lamileef mirkanaa’aniif wabii ta’an, hojumaata isaanitiin iftoomina qaban, dhaqabamummaa sirna haqaa mirkaneessanii fi amantaa uummataa horatan qabaachuun daran  barbaachisaadha.

Yaada bu’uuraa fooyya’iinsa sirna haqaa kana irraa ka’uudhanis, akka Naannoo keenyaatti qaama gahee kana bahachuu danda’u inistiitiyuutii leenjii ogeessota qamolee haqaa fi q’annoo seeraa oromiaa danbii lakk.77/1999 tiin hunda’ee hojii qabatamaatti galuudhaan gahee isaa bahachuu irratti argama. Inistiitiyuutichi adda durumaadhaan ogeessota qaamolee haqaa keessaa abbaa seeraa, abbaa alangaa, ofisaroota seeraa, abukaatota ittisaa fi ogeessota biroo qaamolee haqaa keessatti bobba’anii hojjetaniif sagantaa adda addaatiin leenjii kennuudhaan gahuumsaa ogeessota qaamolee haqaa  mirkaneessuu irratti argama.

Inistiitiyuutiin Leenjii Ogeessota Qaamolee Haqaa fi Qo’annoo Seeraa Ormiyaa hundeffama isaatiin  kaayyoowwan gurgurddoo qabatee jiru keessaa : qaamolee haqaa ogeessota kabaja sirna heeraa tiif kutannoon dhaabbatan baay’inaa fi qulqullina baarbaadamuun horachuu; sirni haqaa naannichaa ogeessota dandeettii ol’aanaa, naamusa gaarii fi amantaa fi quuqama uummataa qabaniin akka ijaaramu gochuu; kenniinsa tajaajila haqaa qajeeltowwan ol’aantummaa seeraa, iftoominaa fi itti gaafatamummaa irratti hundaa’e qindoominaa fi bifa tokkummaa qabuun mirkaneessuu; naannicha keessatti sirna haqaa bu’a qabeessa ta’e si’oomina fi haqqummaa qabu mirkaneessuu kanneen jedhani dha

Gama biraatiin kayyoo waliigalaa inistiitiyuutichaa kana galmaan gahuudhaaf Adeemsi kenna  leenjii inistiitiyuutichaa  karoora tarsiimowwaa instiitiyuutichaan qabatamee itti deemamaa jiruu fi  gaffii hanqinna gahuumsaa fi ilaalcha akka guutamuuf  maamiltootaa fi dhimmamtoota isaa  irraa dhiyaatu akka ciiccitaatti fudhachuudhaan qophii leenjii gochuun, leeenjifamtoota simachuun, leenjicha kennuu fi hanqinna dandeetii leenjiidhaan guutuudhaan dandettii raawwachiisummaa qamolee haqaa guddisuudhan leenjiifamtoota deebisee gara hojiitti bobbaasudha.

Dabalataanis Adeemsi hojii ijoo kenna leenii:- jijjiirama  sirna haqaa keessatti adeemsifamaa jiruu fi kan haraa maddan leenjii fi tajaajila gorsaatiin deeggaruun tajaajila si’aawwaa, qulliqullinna fi gahumsaa qabu kennuu, rakkoo kenniinsa haqaa naannicha kessatti mul’atan qorannoodhaan adda baasudhaan leenjii fi tajaajila gorsaatiin hiikuudhaaaf  ciminnaan hojjechuu irratti argama.

Eragamin Adeemsa Kenna Leenjii fi Tajaajila Gorsaa fedhii qaamolee haqaa fi qaamolee  dhimmamtoota ta’an biratti qorannoon adda bahe irratti hundaa’een  dandeettii raawwachisummaa Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaa ol- guddisuun Rifoormii Sirna Haqaa Naannoo Oromiyaa keessatti hojii irra ooluu qaban  hala itti fufiinsa qabuu fi amansiisaa ta’een dhugoomsuudha.

Corporate Site - This is a contributing Drupal Theme
Design by WeebPal.