Article

Beeksisaa-Leenjii Hojiin Dura

Guyyaa 06/01/2010

BEEKSISA
Dorgomtoota Leenjii  Hojiin Duraa marsaa 11ffaa f Inistiitiyuutii Leenjii Ogeessota Qaamolee Haqaa fi Qoa’nnoo Seeraa Oromiyaa seentanii Leenji’uudhaaf   Godinaalee Oromiyaa irratti dorgomtan Hundaaf:
Haaluma asiin dura Gabatee raawwii beeksisaa dorgommii wajjiin wal-qabatee isiniif ibsamee tureen,  Guyyaan qoramata Seensaa Inistiitiyuutichaan kan  keennamu gaafa 10/01/2010 ganama keessaa sa’aa 2:30tti Galma Inistiitiyuutichaa-Adaamaatti kan kennamu ta’uu isaa ibsaa, dorgomtoota maqaan  keessan asii  gaditti ibsameen ala kanneen godina keeassan irratti dorgomtanii qormaata calaallii Godinaa fudhachuudhaan qormaata seensaa inistiitiyuutichaatiif  darbitan hundumti keessanuu qormaata seensaa tiif kan dabartan ta’u keessan beeksisaa, dorgomtoonni;
1.     Warquu Laggassaa G/Shawaa Lixaa irraaa ulaagaa umrii inistiitiyuutichaan barbaaddamu waan hin guutneef
2.     Taaxaqa Laggasaa G/Shawaa Lixaa irraa  Qormaata calallii godinaa osoo hin fudhanne waan hafeef ykn qormaata calallii Godinaa waan hin dabarreef,
3.     Abuljaliil Kadiir G/Baalee irraa ulaagaa  umrii inistiitiyuutichaan barbaaddamu  waan hin guuneef
4.     Uddeessa Gammadee G/Gujii Lixaa irra Qormaata calallii godinaa osoo hin fudhanne waan hafeef ykn qormaata calallii Godinaa waan hin dabarreef
5.     Yohannis Kaffaalee G/Ho/Gu/Wallaggaa irraa Qormaata calallii godinaa osoo hin fudhanne waan hafeef ykn qormaata calallii godinaa waan hin dabarreef qormaata seensaa inistiitiyuutichaatiif  kan hin darbine ta’u keessaan ni hubachiifna.
Hubachiisaa!!
Dorgomtoonni Qormaataa seensa fudhachuudhaaf yeroo dhuftanitti seeroota: Heera mootummaa FDRE fi Naannoo Oromiyaa,  seera yakkaa, S/H/H fi sirna seerota yakkaa fi siviilii qabattanii akka dhuftan  ni hubachiifna
                                                     Inistiitiyuuticha

Corporate Site - This is a contributing Drupal Theme
Design by WeebPal.