Article

ILQSOn, dhimmoota mata duree adda addaa irratti qorannoo seeraa qorataa turee, Workshooppii xiqqaa qopheessuun qooda fudhattootaa fi dhimmamtootaaf dhiheesse jira.

Inistiitiyuutichi rakkolee hojimaataa seeraa fi keenninsa sirna haqaa naannichaa keessatti mul’atan sirreessuun tajaajila haqaa qulqulluu, si’ataa, hammayyaa’aa fi fayyadamummaa hawaasa dhugomsuu danda’uu mirkaneessuuf mata duree adda addaa filachuun qorannoo fi qo’annoo seeraa ni gaggeessaa, yaada furmaataa ni burqisiisaa, argannoo isaas qooda fudhattootaa fi dhimmamtootaaf ni dhiheessaa. Bara kanas, mata dureewwan sadii (3) irratti:

1. Challenges of Tax Revenue Collection of Oromia National Reginal State: Analysis of constitutional, legal and Practical Issues,

2. Bu’aa Qabeessumaa Manneen Murtii Hawaasuummaa Gandaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi

3. Keenninsa Tajaajila Haqaa keessattii, Dhugummaa Ragaa Mirkaneessuu: Seeraa fi Qabatamaa.  Akkasumas, Tarsimoo Ittisa Ragaa Sobaa jedhuu irrattii qorannoo fi qo’annoo gaggeessaa turan qooda fudhattootaa fi dhimmaamtootaaf ogeessota qorannoo seeraa inistiitichaatiin dhihaateera. Qorannoowwan kuninis iddoo hanqina mul’isanitti mariidhaan akka gabbatan taasiifameera.

Dhummarrattis, Workshooppii guddaa qopheessuun qooda fudhattootaa fi dhimmamtootaa hedduu bakka argamanitti dhihaatee mariidhaan erga mirkanaa’ee booda, hojii irra olmaa isaatiif kaallattii kaa’uun ni xumuramaa kan jadhan Daareektarrii Ol’aanaa inistiitiyuutichaa Obbo Tasfaayee Booressaa ti.

Corporate Site - This is a contributing Drupal Theme
Design by WeebPal.