Article

Inistiitiyuutiin Leenjii Ogeessota Qaamolee Haqaa fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Leenjii Hubannoo Hojjettoota Inistiitiyuutichaa Cimsu Meeshaalee Jijjiiramaa irratti kenne

 

Inistiitiyuutichi dandeettii raawwachiisummaa hojjettootaa  cimsuudhaaf bara 2010 kan karoorfate keessaa hubannoo hojjettootni inistiitiyuutichaa Paakeejii Meeshaalee Jijjiiramaa fi Yaade rime Bulchiinsa Gaarii irratti qaban gabbisuuf gaafa guyyaa 13/04/2010 irraa eegalee magaalaa Bishooftuutti leenjii kennee jira.

Kaayyoon gooroo leenjii kanaas meeshaalee jijjiiramaa(JBAH, SMBKT, Kaayizan fi RJSS)  fi Qajeeltoowwan bulchiinsa gaarii hojiirra oolchuudhaaf hoggansi, Ogeessii fi hojjataan sadarkaa sadarkaan jiru Meeshaalee jijjiiramaa fi Yaada rimee Bulchiinsa Gaarii irratti hubannoo walfakkaataa akka qabaatan gochuu, akkasumas, walitti hidhaminsa meeshalee jijjiiramaa, tokkummaa, garaagarummaa fi faayidaa isaanii irratti hubannoo jiru cimsuunhojimaata fooyyessuudhaan, gahumsaa fi bu’a-qabeessummaa kenninsa tajaajilaa Inistiitiyuuticha dabaluu fi itti-quufiinsa lammii sadarkaa ol’aanaatti ceesisuu keessatti shoora guddaa qaba jedhamee waan itti amanameef leenjiin kun akka kennamu taasifamee jira.

Corporate Site - This is a contributing Drupal Theme
Design by WeebPal.