Article

Inistiitiyuutiin qorannoowwan bara kana mata dureewwan shan irratti gaggeessaa ture irratti ogeessota waliin sagantaa marii guyyaa lamaa magaalaa Bishooftuutti gaggeessuun yaada galtee fudhateera. Mata dureewwan qorannoo kunis:

1.       Sanadoota Mirkaneessuu fi Galmeessuu Keessatti Rokkoowwan Seeraa fi Hojmaataa Naannoo Oromiyaatti Mul’atan

2.       Bu’a-qabeessummaa Tajaajila Abukaatoo Ittisaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa

3.       Gahee Abbaan Alangaa Mirga Shakkamaa fi Himatamaa Yakkaa Kabajachiisuu Keessatti Qabu: Seeraa fi Raawwii

4.       Kenniinsaa Korooraa fi Dhiifamaa Sirreefamtoota seeraa Naannoo Oromiyaa:-Seeraa Fi Hojmaata

5.       Rakkoolee To’annoo Dambiilee fi Qajeelfamoota Aangoo Bakka Bu’insaan Ba’anii: Haala    Qabatamaa Oromiyaa kanneen jedhani dha.

Yaada galtee argameen erga gabbatanii booda qorannoowwan kunneen bakka abbootiin hirtaa argamanitti workishooppiif ni dhiyaatu. Jalqaba bara bajataa itti aanuutti bu’aa qorannoo kanneenii maxxansuun qaamolee qorannoowwan kunneen ilaallataniif dhaqqabsiisuufis karoorfameera.

Corporate Site - This is a contributing Drupal Theme
Design by WeebPal.