Article

Leenjifamtoota Sagantaa Leenjii Hojiin Duraa Marsaa 11ffaa shaakala irra jirtan hundaaf.

Duraan dursinee yeroo turtii shaakala keessan kan baatii sadii Manneen Murtii fi Waajiraalee Haqaa keessatti taasisaa turtan xumura irraan geessanii gara leenjii keessaniitti deebi’uuf  nagana geessan jechaa, itti aansudhaan yeroo gara instiitiyuutiitti deebitanii dhuftanitti wantoota qabattanii dhufuu qabdan, akkasumas, sagantaa leenjii itti aansudhaan fudhattanii fi guyyaa eebba keessanii dabalatee akka beektaniif isiniif ibsuun barbaada. Haaluma kanaan

1.      Yeroo shaakalaa irraa deebitanii dhuftanitti waantoota isin irraa eegamu .

  • Gabaasa raawwii shaakala keessanii kan ilaalatu ta’ee, gabaasin kunis sadi yoo ta’an, isaanis:-

·    Gabaasa raawwii  hojii  waajjira haqaa kan guyyoota 45.

·    Gabaasa raawwii  hojii mana murtii kan guyyaa 45.

·    Gabaasa raawwii waligalaa kan  ji’a sadii (3) dha.

  • Waraqaa Qo’annoo mata duree filattan irratti qophaa’e

  • Madaallii raawwii mana hojii birattii shaakaltan isiniif guute (poostadhaan samsamee fi chaappefamee)

·    Kan waajjira Haqaatiin isiniif guuttame

·     Kan Mana Murtiitiuin isiniif guuttame

2.       Yeroo gara instiitiyuutiitti galuudhan gabaasa itti gootan.

  • Ebla 20-22/2010 guyyoota walittii aanan sadii keessatti

  • Leenjifamtoota guyyoota ibsame keessatti qofa argamuu qabu.

  • Yemmuu gara inistiitiyuutrichaatti deebitanitti Waan isini irraa barbaddamu kanneen asii olitti  lakk 1  irratti ibsaman hunda isaanii  (gabaasa ,Madaalii raawwii  fi waraqaa qo’annoo) xumurtanii galchuun isin irraa eeggama.

3.       Yeroo Gabaasni fi waraqaan  qo’annoo keessan itti dhiyaatee madaallamu.

  • Leenjifamtoonni Gabaasa raawwii isaanii (sadan gubbatti ibsaman) fi waraqaa qo’annoo isaanii daree leenjii keessattii bakka  leenjifamtoonni daree hundaa jiranitti Leenjiistoota dhiyeessii (Presentation) kan akka madaalaniif ramadaman fuul-duratti dhiyeessudhaan kan madaallamuu fi qabxiin waliigalaa 100% keessaa kan  fudhatamu ta’a. Kanaaf kana hubachuudhaan durstanni itti qophaa’uun barbaachisaadha.

  • Yeroon dhiyeessin (persentatin) itti raawwatamu.Ebla 24-29/2010 ta’a.

Walumaa galatti sagantaa Leenjii itti aanee jiru asitti aansudhaan kan isiniif ibsine waan ta’eef dursitanii irratti akka qophooftan yaadachiisaa, Nagaan gara Leenjitti deebitanii akka dhuftan hawwii qabnu isiniif ibsina .

                                                                                                                               Dhaabaa Dirribaa

                                                                                                                               Daareekteera Daareektooreeti Kenna Leenjii fi T/G/S   

Corporate Site - This is a contributing Drupal Theme
Design by WeebPal.