Article

Rakkoolee To’annoo Dambiilee fi Qajeelfamoota Aangoo Bakka Bu’insaan Ba’anii: Haala Qabatamaa Oromiyaa

                                                                                                                                    Qorattoonni:  Tafarii Baqqalaa (LL.B, LL.M, Qorataa Seeraa ILQSO)

                                                                                                                                    Waaqgaarii Dullumee (LL.B, Kadh.LL.M,Q/Seeraa ILQSO)

        

Qajeeltoon qoqqoodama aangoo dalgee jaarraa 18ffaa keessa hayyuu siyaasaa fi falasamaa biyya Faransaay, maqaadhaan Monteskuu jedhamuun kan dhiyaate yoo ta’u, yaadni bu’uuraa isaas, aangoon mootummaa biyya tokkoo qaamolee mootummaa sadan: qaama seera baastuu, seera raawwachiiftuu, fi seera hiiktuu jidduutti qoqqoodamuu kan qabuu, fi  qaamni mootummaa tokko hojii qaama mootummaa isa biraa keessa seenuu hin danda’u kan jedhu dha. Haa ta’u malee, haala addaatiin, qajeeltoo kana irraa akka maqamuuf sababootni dirqisiisan (fknf-baay’achuu hojii) kan jiran yoo ta’u, bakkeewwan kun itti mul’atu keessaa tokko ammoo hojii seera baasuun kan walqabatu dha.  Hojii kana hojjechuuf qaamni aangoo uumamaa (inherent power) qabu qaama seera baastuu ta’us, qaamolee mootummaa biroofis aangoon kun bakka bu’insaan kennamuu ni danda’aa; yoo kennamu garuu, daangaa aangoo bakka bu’insaa keessatti ba’uun hojiirra ooluun isaa to’atamuu qaba. To’annoon kunis akkuma haala isaatti sadarkaa wixineetti ykn ragga’uun hojiirra erga oolanii booda, qajeeltoowwan hordofamuu qaban tarreessuun sana keessa darbuu isaa hordofuu (to’annoo waliigalaa) fi qaamolee mootummaa adda addaan, keessattuu qaamolee mootummaa sadaniin akka ta’u hogbarruuwwan toora kanatti barreeffaman ni agarsiisu.

 

Gara biyya Itoophiyaa fi Naannoo Oromiyaatti yoo dhufnu, Heerota lachuu ilaaluun barbaachisaa ta’a. Heerri Mootummaa Rippaabilika Dimokiraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa caaseffama mootummaa federaalaawaa akka hordofuu fi aangoonis qaamolee mootummaa sadan (seera baastuu, seera raawwachiistuu, fi seera hiiktuu) jidduutti kan qoqqoodame ta’uu kwt. 50 (2) fi kwt.1 ni ibsa. Heerri kun Manni Marii Bakka Bu’oota Uummataa qaama aangoo ol’aanaa mootummaa federaalaa akka ta’e ibsuun, hojiin seeraa baasuus qaama kanaaf akka kenname kwt.55 jalatti tumeera. Gama biraatiin, aangoo Manni Marii Bakka Bu’ootni Uummataa kennuuf irratti hundaa’uun qaamni raawwachiistuu (Manni Maree Miniisteerotaa) dambiiwwan baasuu akka danda’u Heerumti kun kwt.77 (13) jalatti ifatti tumee jira.  Heerri Mootummaa Naannoo Oromiyaas aangoon qaamolee mootummaa sadeen gidduutti kan qoodamu ta’uu kwt.46 jalatti tumameera. Bu’uura Heerichaa kwt.46 (1), 49 (1) fi 49 (3p) tiin Caffeen Oromiyaa qaama mootummaa aangoo ol’aanaa mootummaa naannichaa yoo ta’u, aangoo seera baasuu, dambiilee dabalatee kan qabus qaamuma kana dha. Haa ta’u malee, haala addaatiin, aangoo bakka bu’insaa Caffeen kennuuf irratti hundaa’uun qaamni raawwachiiftuu dambiiwwan baasuu akka danda’u tumaa Heera kanaa kwt. 55(6) irraa ni hubatama.

 

Qabatamaanis labsiiwwan Caffee irra dhaabbachuun dambiilee fi qajeelfamoonni adda addaa ba’aa jiru. Hanga yeroo daataan qorannoo kanaa walitti qabametti, labsiiwwan Caffee Oromiyaan labsaman lakkoofsaan 208 yommuu ta’an, dambiiwwan aangoo bakka bu’insaan ba’an ammoo 195 irra gahaniiru. Qajeelfamoonni seekteroota mootummaan ba’anii hojiirra jiranis lakkoofsi isaanii hanga kana jedhamee beekamuu baatus hedduu dha. Haa ta’u malee,     dambiilee fi qajeelfamoonni Oromiyaa keessatti ba’aa jiran kunniin daangaa aangoo bakka bu’insaa seera Caffeen kennameen ba’uun isaanii bifa kamiin to’atamaa akka jiran qorannoon agarsiisu hin jiru. Kaayyoon qorannoo kanaa Oromiyaa keessatti akkaataa dambiilee fi qajeelfamootni bakka bu’insaan itti bahanii fi qaamolee mootummaa sadaniin (qaama seera baastuu, qaama seera raawwachiiftuu fi qaama seera hiiktuun) to’ataman maal akka fakkaatu sakatta’uun qaawwa seeraa fi hojimaataa jiru agarsiisuun yaada furmaataa akeekuu dha.

 

Kana gochuuf malli qorannoo hordofame: dursa, seerotni aangoo bakka bu’insaan ba’an seerota Caffee Oromiyaan ba’an wajjiin walsimuu fi dhiisuun isaanii bifa kamiin to’atamuu danda’u?   kan jedhu qajeeltoowwan bu’uuraa seera bulchiinsaa keessa jiran maalfaa akka ta’an  beekuuf; akkasumas, sirni to’annoo qaamolee mootummaa sadaniin taasifamu (qaama seera baaftuu, seera raawwachiiftuu fi seera hiiktuu) maal akka fakkaatuu fi muuxannoowwan akka addunyaatti gama kanaan jiranis maal akka ta’e bifa agarsiisuu danda’uun hogbarruuwwan sakatta’amaniiru. Muuxannoon biyyoota sakatta’amaniis Hindii, Ingiliizii, Ameerikaa, fi Naayijeeriyaa yommuu ta’an, kan filatamanis sirna bulchiinsaa hordofan (sirna mootummaa federaalawaa fi waaltawaa; fi sirna mootummaa paarlamaa fi pirezidaantummaa) jiddu-galeessa godhachuudhaani.

 

Itti aansuun, dambiilee fi qajeelfamoonni aangoo bakka bu’insaan tumaman kunniin Oromiyaa keessatti bifa kamiin ba’anii to’atamaa jiru kan jedhu qajeeltoowwan seera bulchiinsaa fi muuxannoowwan jiran irratti hundaa’uun hammatni heeraa, seeraa fi/ykn hojimaataa gahaa ta’e jiraachuuf dhiisuu isaa xiyyeeffannoon madaaluun qaawwa jiru adda baasuuf hooggantootaa fi ogeessota Waajjira Caffee Oromiyaa, Waajjira Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Biiroo Haqaa Oromiyaa, qaamolee raawwachiiftuu mootummaa naannoo Oromiyaa biroo amala hojii isaanii irraan kan ka’e dambiilee fi qajeelfamoota hedduu baafachuun itti hojjetu jedhamanii tilmaamaman jahaafi abbootii seeraa fi pirezidaantota manneen murtii naannichaa sadarkaa hundarra jiran wajjiin afgaaffiin gadi fageenyaqabu (in-depth interview) soddomii-saddeet (38) gaggeeffameera; dhimmoonni qaamolee bulchiinsaa aangoo abbaa seerummaa qabaniin (quasi-judicial bodies) murtaa’an 16 fi dhimmoonni manneen murtii idileen murtaa’an 10; walumatti, dhimmoonni 26 sakatta’amuun warreen gaaffii qorannoo wajjiin hidhata qaban filatamuun xiinxalamaniiru. Akkasumas, labsiiwwan 20, dambiiwwan 20, fi qajeelfamoota 20; walumatti, seerotni 60 walbira qabamuun dubbifamaniiru.  

 

Xiinxalli qorannichaa kan gaggeeffame mala olitti ibsame kana hordofuun yommuu ta’u, argannoowwan argamanis kanneen armaan gadii dha:

  • Qophiin dambiilee fi qajeelfamootaa ija to’annoo waliigalaatiin (qajeeltoowwan beeksisuu, hirmaachisuu, fi maxxansuu) yoo ilaalamu, qaawwa seeraas ta’e kan raawwii ni qaba. Iddoo tokko tokkotti (fknf: qajeeltoo beeksisuu) uwwisi seeraa hin jiru; hojimaatanis itti hojjetamaa hin jiru. Iddoo tokko tokkotti ammoo (qajeeltoo hirmaachisuu, fi maxxansuu) uwwisi seeraa jira. Hojiirra oolmaan isaa garuu, hanqina guddaa qaba.

  • To’annoon qaamoleen mootummaa adda addaan, keessattuu Caffee fi Manneen Murtiin   dambiilee fi qajeelfamoota irratti taasifamaa jiru hanqina bal’aa qaba.

  • Qaama raawwachiiftuun sadarkaa wixineetti dambiilee irratti to’annoo akka taasisu sirni dandeessisu diriiree jiraachuun isaa akka gaariitti ilaalamuu kan danda’u ta’us,   qajeelfamoota ilaalchisee garuu warreen adeemsa qophii dambiilee hordofuun ba’an yoo ta’een alatti sirni akka to’atu dandeessisu diriiree hin jiru. Dambiilee ilaalchisees sirna to’achuuf dandeessisuti jira malee qabatamatti qaawwa dambiileen ba’an tokko tokko agarsiisaa jiran irraa ka’amee yoo ilaalamu bu’a-qabeessa dha kan jedhamu miti.

  • To’annoon dambiilee fi qajeelfamoota irratti taasifamu cimaa akka hin taane dhimmootni akka sababoota ijootti ilaalaman uwwisi seeraa gahaa ta’e jiraachuu dhabuu, bakka uwwisi seeraa jirutti ammoo hojiirra oolchuuf hooggansi kutannoo dhabuu, fi hubannoo gahaa ta’e dhabuu dha.

  • To’annoon taasifamaa jiru cimaa ta’uu dhabuu isaa irraan kan ka’e dambiilee fi qajeelfamootni naannoo Oromiyaa keessatti ba’an qabatamaan rakkoowwan itti aananii jiran yoo calaqqisiisan ni mul’ata:

 

  • Labsii Caffeen tumuu wajjiin walsimuu dhabuu

  • Mirga ol’iyyannoo daangessuu ykn dhiphisuu

  • Aangoo qaama biraaf kenname irratti seera baasuu

  • Bifa seerri qabaachuu malu qabaachuu dhabuu (problem as to form)

  • Seerri Caffeen tume yoo fooyyaa’u ykn yoo haqamu gita (status)  seera aangoo bakka bu’insaan ba’uu ifa gochuu dhabuu

  • Seerotni aangoo bakka bu’insaa yeroo jedhame keessatti ba’uu dhabuu

  • Dhimmoota labsiin aangeffamuu malan qajeelfamaan aangessuu

  • Dhimmoota qajeelfamaan ba’uu qaban dambiin baasuu

  • Dhimmoota hunda hammachiisuu/diddiriirsuu dhabuun hojiirratti rakkoo uumuu fi

  • Dhimma dambii keessatti hin hammatamiin qajeelfama keessatti hammachiisuu raawwii keessatti rakkoo uumu dha.

 

Kana irraa ka’uun yaadotni furmaataa armaan gadii akeekamaniiru:

  • To’annoon waliigalaa fi qaamolee mootummaa adda addaan dambiilee fi qajeelfamootaa irratti taasifamu bu’a qabeessa taasisuuf Caffeen Oromiyaa seera bulchiinsaa qindaa’aa yoo baase gaarii dha. Seerri ba’u kun bu’uuraan:

  • Sirni kenninsa aangoo bakka bu’insaan dambiilee fi qajeelfamoota baasuu qabiyyee, kaayyoo, fi daangaan ifa akka ta’utti dhimmoota seerota kanniin baasuun irratti barbaachisu adda baasuun keewwata-keewwataan akka ta’utti osoo tumee gaarii dha.

  • Adeemsi qophii dambiilee fi qajeelfamootaa qajeeltoowwan beeksisuu, uummata hirmaachisuu, fi maxxansuu keessa darbuu akka qabu kan dirqisiisu ta’uu qaba.

  • Dambiileen hundi ragga’uun hojiirra osoo hin ooliin, sadarkaa wixineetti Caffeef dhiyaachuun seera qabeessummaan isaanii akka to’atamu kan dirqisiisuu ta’uu qaba.

  • Qajeelfamoonni, keessattuu warreen dantaa uummataa fi mootummaan kallattiin hidhata qaban (fakkeenyaaf, qajeelfamootni bulchiinsa lafa magaalaa fi baadiyyaa, investimentii, taaksii fi gibira, faayinaansii mootummaa fi dhaabbilee misooma mootummaa) sadarkaa wixineetti Caffeef dhiyaachuun akkaataa aangoo bakka bu’insaan ba’uun isaanii akka to’atamuuf kan dirqisiisuu ta’uu qaba. Kana bu’a-qabeessa taasisuuf humna namaa Caffee baay’inaa fi qulqullina barbaadamuun guutuun barbaachisaa dha.

  • Caffeen Oromiyaas dambiilee fi qajeelfamoota sadarkaa wixineetti dhiyaataniif yeroo seeraan murtaa’e keessatti sakatta’ee duubdeebii barbaachisu qaama wixinicha ergeef kennuu qaba. Yeroo jedhame keessatti erguu yoo baate, wixineen dhiyaate bahee  hojiirra  kan ooluu akka ta’uttis saxaxamuu qaba.

  • Caffeen Oromiyaa dambiilee ykn qajeelfamoota hojiirra jiran seera ofii baasee jiruun   (labsiin) wal simuu dhabuu isaanii yoo beeke (fakkeenyaaf, kanneen akka tumaalee adabbii dambii bulchiinsaa fi itti fayyadama lafa baadiyyaa) qaama seericha baase dirqisiisuun sirreeffamni barbaachisaa akka ta’u gochuu qaba.

  • Manneen murtiif falmiin dhiyaatu dambii ykn qajeelfama kan bu’uureffate yoo ta’e, tumaa dambichaa ykn qajeelfamichaa qofa irratti hundaa’uun dhimmicha murteessuu (akka amma bal’inaan mul’atu) osoo hin taane; dabalataan, seerota rogummaa qaban biroo (heeraa fi labsii) waliin walbira qabuun xiinxaluun gaarii ta’a. Haaluma kanan,

  • Heera waliin walitti bu’insi kan jiru yoo ta’e, karaa Gumii Calaltuu Heeraan gara Koomishinii Hiiktuu Heera Mootummaatti qajeelchuu;

  • Labsii Caffeen baase waliin walitti bu’insi kan jiru yoo ta’e, sodaa tokko malee ofumaaf hiikkoo kennuun akkuma haala isaatti dambicha ykn qajeelfamicha bu’aa yoo dhabsiise gaarii dha. 

  • Sekteroonni dambiilee wixineessuun Biiroo Haqaa Oromiyaaf dhiyeessan akkaataa dambii lak.131/2003, kwt.15tiin qorannoo gahaa ta’e irratti hundaa’uun dhiyeessuun daran barbaachisaa dha. Biiroon Haqaa Oromiyaa fi Waajjirri Pirezidaantiis qorannoon gaggeeffame akkaataa barbaadamuun kan gaggeeffame ta’uu isaa mirkaneeffachuuf hordoffii cimaa yoo taasisan gaarii dha.  

  • Seekteroonni mootummaa, keessattuu warreen sadarkaa Biirootti jiran caasaa ogeessa seeraa gahumsa qabu itti qacaratan diriirsuun gaarii dha; warreen caasaa akkasii qabanis dhimma wixinee seeraa irratti leenjii kennuun gahoomsaa adeemuun murteessaa dha.

 

Corporate Site - This is a contributing Drupal Theme
Design by WeebPal.