Leenjii hojiin duraajechuun leenjii Abbooti Seeraa, Abbootii Alangaa, Rijistraara, Abukaattoo Ittisaa akkasumas hojjatoota seektara qaamolee haqaa kana ta’uudhaan gara sirnichaatti haarawaa makamaniif sagantaa yeroo dheeraatiin leenjii ogeessota seeraa qaamolee haqaatiif kennamu dha.
Hojiin Abbaa Seerummaa fi Abbaa Alangummaa beekumsaa fi ogummaa barnoota koolleejjiitii fi Yuunivarsiitiitti argataniin ala gahuumsa fi dandeettii addaa kan gaafatu ta’uun isaa ni beekama. Barbaachisummaan Sagantaa Leenjii Hojiin Duraa ogeessota seeraa beekumsa seeraa bu’uura namoota qaban ofitti fudhachuudhaan leenjii kennamuun itti gaafatamummaa fi gahuumsa olaanaa gama beekumsa, ogummaa, naamusaa fi ilaalchatiin hojii A/seerummaa fi A/alangummaatiif barbaachisu gonfachiisuu dha.
Bu’uuruma kanaan Ogeessota sirna heeraa hojiirra oolchanii fi eegan, sirni haqaas kan lammiilee garaa gahuu danda’u akka ta’u ogeessota dandeessisan horachuun mul’ata saganta leenjichaati. Sagantaan leenjii kunis kaayyowwan walii gala armaan gadii kan qabu yemmuu ta’u isaanis:-
Ø Abbootiin Seaaraa fi Abbootiin Alangaa fuul dura hojiitti bobba’an kabaja seeraa fi sirna heeraatiif quuqama horatanii gara hojiitti akka galan taasisuuf,
Ø Ogeessonni qaamolee haqaa walitti dhufeenya imammatoota mootummaa fi Heeraa fi Seera wajjiin qaban hubachuudhaan rawwatiinsa isaatifis gahuumsa akka horatan gochuuf,
Ø Fedhii hawwasichaa hubatanii, tajaajila haqa qabeesa, safisaa fi qulqullina qabu kennuudhaaf gahumsa ogummaa fi ilaalcha barbaachisu akka argatan dandeessisuuf,
Ø Itti gaafatamummaa hojii Abbaa Seerummaa fi Abbaa Alangummaa bahachuu akka danda’an dandeettii, ogummaa fi ilaalcha barbaachisu akka gonfatan taasisuuf,
Ø Dhimmoota, dhaddachaa fi hojii isaanii safisaa fi bu’aa qabeessa karaa ta’een gaggeessuu akka danda’an ogummaa fi ilaalcha gutuu ta’e akka horatan gochuuf,
Ø Murtiin ogeessonni qaamolee haqaa kennanis sababaanii fi yaad-rimee seeraatiin kan deeggarame akka ta’uuf gahumsaa fi dandeettii barbaachisu akka horatan taasisuuf,
Ø Naamusa hojii Abbaa Seeraumma ykn Abbaa Alangummaa raawwachuuf barbaachisu gonfachuun hojiirra olchuufis kan isaan dandeessisu oguummaa akka horatan gochuuf, kanneen jedhaman isaan ijoodha.
Inistiitiyuutichi saganta leenjiii kanaan yeroo hundeffame jechuunis bara 1999 irraa eegalee hanga xumura bara 2008tti ogeesota baruumsa seeraatiin digirii jalqabaa qaban baay’inni isaanii 2027 ta’an ofitt fudhatee leenjisuudhaan gahuumsa isanii mirkaneessee gara qaamolee haqaatti akka makaman tasisee jira. Sagantaadhuma wal fakaatuun bara baajataa kana keessatis (2009) leenjifamtoota 398 ofitti fudhatee leenjisuu irratti argama. Xumura bara kanaa irratis baay’ina leenjifamtota saganta kanaan gara qaamolee haqaatti makaman lakkofsa isaanii 2425 irraan kan gahu ta’a jechuudha.
Site Map
Contact Us
Oromia Legal Training and Research Institute
Tel: 022-110-0511
Fax:022-111-0902/022-112-37-44
PO Box:1238, Adama
Email: admin@ilqso.gov.et