Leenjifamtoonni Sagantaa Leenjii Hojiin Duraa Marsaa 11ffaaInstiitiyuuti Leenjii Ogeessota Qaamolee Haqaa Lakkoofsi isaanii 400 ta’an Mindaa Ji’an argatan irraa %25 buusii gochuu dhaan ji’oota sagal keessatti kan irraa muramu walumatti qabaan qarshii 395,676 (kuma dhibba sadiifi kuma sagaltamii shanii fi dhibba ja’af torbatamii ja’a)hawaasa Oromoo sababa walitti bu’iinsa daangaa tiin Naannoo Somaalee Itoophiyaa irraa buqa’aniif gumaacha taasisaniiru Leenjifamtoonnii kunniin gumaacha Lamilee isaanii tiif taasisan kana malee, miidhaan lamiilee keenya irraa gahe kun miidhaa maatii keenya, haawootaa fi Abbotii keenyaa irra gahe ta’uu isaa hubachuu dhaan fuula- duraafis cinaa isaanii ni dhabbana jedhaniiru.
Dabalataaniis, maatii keenya osoo hin baratin nu barsiise, hawwii fi fedhii mirkanaa’iinsaa ol’aantummaa seeraa irratti qabaan mirkanneessuudhaaf , dandeettii, Namusaa fi ilaalcha tajaajiltummaa ummatummaa horachuu dhaan tajaajila haqaa iftoomina , haqaa qabeessaa fi seeraa fi seera qofa irrattiii hundaa’e kennuu dhaaf cimanii akka hojetan yeroo dhuma gumacha hawaasa isaanif taasisan kanatti ibsaniiru.
Site Map
Contact Us
Oromia Legal Training and Research Institute
Tel: 022-110-0511
Fax:022-111-0902/022-112-37-44
PO Box:1238, Adama
Email: admin@ilqso.gov.et