Article

ILQSO’n mata duree “Qorannoo Yakkaa” jadhu irratti Qorattoota Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuutiif Leenjii kenne

Yakki tokkoo eenyuun, eessatti fi akkamiin raawwatamee kan jedhu adda baasuuf qorannaa yakkaa saayinsaawaa ta’ee fayyadamuun murtii haqa qabeessa fi qulqulluu ta’ee keenniisisuu fi ol’aantummaa seeraa kallattii hundaan mirkanaa’ee misoomaa fi nageenyaa itti fuffinsa qabu diriirsuuf gaheen qorattoota poolisii sadarkaa sadarkaan jiran murteessa dha.

Bu’uruma kanaan Inistiitiyuutichii, Leenjii dandeetti ogeessoota qorattoota poolisii gabbisuu,adeemsa qorannaa yakkaa keessattii gahumsii qorataa yakkaa tokkoo qabaachuu qabuu maal ta’u qaba,qabiyyeen ragaa fi iddoo yakki itti raawwatamee ilaalchiisee hubannoo qaban irrattii daran cimsuu ,Af-gaafii fi jacha fudhachuu wal qabatee fi  hojii irra olmaa isaati fi  naamusni iddoo hojii ogumichii barbaaduu ogeessota kana  gonfachiisuuf  kaayyeeffatee qorattoota poolisii 35’f guyyoota ( 04-05/04/2012)  leenjii kennee  jira. 

Dhuma leenjii kana irrattis, leenjifamtooni hubannoo argatan kana fayyadamuun maalummaa yakkaa fi dhugaa baasuu irratti  hubannoo argatan kana fayyadamuun haqa qulqulluu fi amanamaa ta’e kennuun fayyadamummaa hawaasa hundaa mirkaneessuu akka qaban Daareektarrii Daareektooreeti Kenna Leenjii fi Tajaajila Gorsaa Seeraa  Obbo Dhaabaa Dirribaan Dhaamani jiru.

Corporate Site - This is a contributing Drupal Theme
Design by WeebPal.