Article

Piroppoozaala “Bulchiinsa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Oromiyaa:Xiinxala Heeraa,Seeraa fi Hojimaataa” jedhu irratti dhimmamtoota waliin mariin taasifame.

 

Lafti qabeenya murteessaa fi bu’uura diinagdee biyya kanaa akka ta’e beekamaa dha. Kanumaafis fakkaata heerri mootummaa federaalaas ta’e kan naannoo Oromiyaa; akkasumas labsiileen dhimma lafaa irratti bahan lafti kan hawaasaa fi mootummaa akka ta’e kan tumani. Heerri mootummaa federaalaa, dhimma lafaa fi qabeenya uumamaa biroo irratti mootummaan federaalaa itti fayyadamaa fi eegumsa irratti seera akka baasuu fi naannoleen seericha hojiirra akka oolchan tumeera. Gama biraatiin aangoon bulchiinsa lafaa kan naannolee akka ta’e ni tuma. Haa ta’u malee, aangoon bulchiinsaa kun eessa akka gahu irratti yaadota garaa garaatu jira. Gama biraan rakkoon bulchiinsaa gaarii lafaan walqabatee bal’inaan akka mul’atuu fi rakkoo saamicha lafaa naannoo Oromiyaa keessatti bal’inaan calaqqisuuf sababa guddaa akka ta’e himama. Kanumaafis fakkaata dhimmotni lafaan walqabatan manneen murtii naannoo Oromiyaa dhiphisaa kan jiran. Fakkeenyaaf, bara baajataa 2009-2011tti yoo ilaallee falmiwwaan hariiroo haawaasa dhaddacha ijibbaataatti dhiyaatan keessaa 34% falmii lafaa ti. Dugda duuba falmii yakkaa heedduf ka’umsii falmii lafa baadiyaati.kana males,wal diddaan lafa baadiyyaa deeme deemee falmii yakkaatti jijjiramuun nagaa fi tasgabbii hawaasa akka hin jiraannee taasiisee jira. Kun immoo rakkoo guddaadha waan ta’eef, rakkicha bu’urarraa furuuf qorannoo gad-fageenya qabu sekteroota dhimmichi ilaallatu waliin atoomanii gaggeessuun barbaachisaa dha.

Qorannoon akka gaggeeffamuuf yaadames dhimmoota ijoo sadii irratti xiyyeeffata. Isaanis:

  1. Aangoon seera bulchiinsa lafaa fi itti fayyadama lafa baadiyyaa baasuu kan eenyuu akka ta’e xiinxala gaha gaggessuu;

  2. Rakkoowan mirgoota itti fayyadamaa fi dabarsa lafaatiin walqabatanii jiran adda baasuu;

  3. Akkaataa falmiin lafa baadiyyaa itti hir’achuu danda’u; kan dhiyaatu ammoo haala bu’a qabeessa ta’een hiikamuu itti danda’uu fala akeekuuf kan yaadame dha.

Wiixineen xiinxala kanas,wal-ta’insa Inistiitiyuuti Leenjii Ogeessota Qaamolee Haqaa fi Qo’annoo Seeraa Oromiyaa, Mana Murtii Waliigala Oromiyaa fi Biiroo Bulchiinsa fi Ittii Fayyadama Lafa Baadiyyaa Oromiyaa waliin taasifamuu isa ragaan argannee mul’iseera.

Corporate Site - This is a contributing Drupal Theme
Design by WeebPal.