Article

Wixinee Hundeeffama Manneen Murtii Oromiyaa

Mariin waliinii wixinee Hundeeffama Manneen Murtii Aadaa Naannoo Oromiyaa irratti Abbootii Gadaa, Jaarsolii Biyyaa, Haadholii siiqqee godinaalee oromiyaa irraa dhufan waliin,ogeessotaa fi hooggantoonni qaamolee haqaa naannichaa waliin magaala Bishooftuutti Inistiitiyuutiin keenya MMWO waliin ta'uun qindaa'e gaggeeffamee jira. Marii kana irraayis yaadonni wixinicha gabbisuu danda'anii hedduun kan irraa argaman akka ta'e, Itti Aantuu Af-Yaa'ii Caffee Mootummaa Naannichaa kan ta'an addee Mahibuubaa Adam ibsanii jiru.Marii kana irrattis Pireezidaantiin MMWO obboo Gazaalii Abbaa Simal, I/A pir. MMWO obboo Guyyoo Waariyoo, Hoogganaan Biiroo Aadaa fi Turiizimii Oromiyaa obboo Kabbadaa Deesisaa, Daayireektarri olaanaa ILQSO obbooTasfaayee Booressaa hirmaatanii jiru

Corporate Site - This is a contributing Drupal Theme
Design by WeebPal.