Article

Inistiitiyuutiin Leenjii Ogeessota Qaamolee Haqaa fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Gamaaggama Hojii kur.4ffaa Bara 2011 Gaggeesse.

Guyyaa 8/11/2011

 

Inistiitiyuutichi Adoolessa 3-7/2011tti gamaaggama raawwii hojii sadarkaa hoggansaa fi mana hojii tti gaggeessaa tureen cimina, hanqinaalee fi rakkoolee mudataaturan erga xiinxaleen booda kallattii xiyyeeffannoo bara 2012 inistiitiyuutichaa irratti marii bal’aa taasisuun xumuree jira.

Daarekteerri Ol’aanaa ILQSO Obbo Tasfaayee Booressaa, xumura gamaaggamichaa irratti yaada gudunfaa kaasaniin hojiin sadarkaa karoorfametti raawwatame gaarii ta’uu ibsanii ILQSO’n galma eegame bira gahuu fi wiirtuu gahoominaa ta’uuf haala baratameen hojjechuun osoo hin taane bifa adda ta’een socho’uu akka gaafatu fi kun ammo tumsa ogeessotaa fi hojjettoota hundaa akkasumas, deggersa qaamolee haqaa akka gaafatu ibsanii jiru.

Haaluma Kanaan bara itti aanu karoora haaraa mala Karoora Hoggansa bu’aa irratti xiyyeeffatee bu’uureffachuun rakkoo bu’uuraa Inistiitiyuutichaa danbii hundeeffamaa irraa kaasee jiru furuudhaan hojii fooyya’insa sirna haqaa naannoo keenyaa irratti ciminaan hojjetamuu akka qabu kallattii kaa’uun marichi xumuramee jira.

Corporate Site - This is a contributing Drupal Theme
Design by WeebPal.