Article

Leenjii Hojii irraa Yeroo Gabaabaa

Sirna Seera Adeemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa: Seeraa fi hojimaataa fi Mirga Abbaa Qabiyyummaa lafaa faayidaa Uummataatiif gad lakkisiisuu ilaalchisee labsii Sirna Murteessa Beenyaa irratti labsii lakkoofsa 455/97 haquudhaan seera haaraa bahe Labsii lakkoofsa 1161/2011 akkasumas dambii labsii kana raawwachiisuuf bahe irratti Abbootii Seeraa MMWO fi Abbootii Alangaa MHAAWO dhaddachaalee dhaabbii irra jiran dabalatee ogeessota 50f ILOQHQSOn magaalaa Bishooftuutti leenjii kennaa jira.
Kaayyoon leenjichaas, rakkoolee qabatamaa hojii keessatti qunnaman keessumattuu, iyyannoo(waraqaa waamichaa fi faloota yeroo), makamiinsa falmitootaa, hafiinsa falmitootaa, barreessa murtii fi raawwii murtii tiin wal qabatanii mul'atan adda baasanii xiinxaluudhaan hubannoo fala ta'uu danda'u uumuuf yammuu ta’u, Labsii mirga abbaa qabiyyummaa lafaa faayidaa Uummataatiif gadi lakkisisuu ilaalchisee yaad rimee labsichaa fi dambii labsicha raawwachisuuf bahe irratti hubannoo uumudhaan rakkoo kanfaltii beenyaatiin wal qabatee hojii keessatti uumaman furuuf kan xiyyeefateedha. Leenjii kanas pireezidaatiin MMWO fi Waliitti Qabaan Gumii Inistiitityuutii keenyaa kan ta’an kabajamoo Obboo Gazaalii Abbaa Simal kaayyoo leenjichaa ibsuudhaan leenjicha eegalsiisanii jiru. Leenjiin kunis fedhii leenjii ogeessota qaamolee haqaa bu’uura gochuudhaan kan qindaa’e yammuu ta’u, leenjichis guyyoota sadan itti aananiif kan turu akka ta’e ibsamee jira.
Corporate Site - This is a contributing Drupal Theme
Design by WeebPal.