Article

Marii Gumii Waliin taasifamee

Gumiin Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa walgahii idilee 105ffaa guyyaa har'aa gaggeesseen ajandaalee adda addaa irratti mari'achuun murtiiwwan garaagaraa dabarsee jira. Gumichi jalqaba irratti Gabaasa raawwii hojii ILQSO Kurmaana 1ffaa bara 2015 irratti bal'inaan erga irratti mari'ate booda gabaasicha sagalee walta'iinsaan mirkaneessee jira. Itti aansuudhaan Gumichi mata dureewwan Qorannoo bara 2015 gaggeessuuf sakatta'iinsa fedhii Qorannoo taasifameen adda bahan irratti mari'achuun mata dureewwan 4 (afur) ILQSO'n baajata ofii isaatiin Qorannoo irratti gaggeessu murteessee jira. Kana malees Gumichi haala simannaa Leenjifamtoota Leenjii Hojiin Duraa Marsaa 16ffaa irratti kan mari'ate yemmuu ta'u leenjifamtootni Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa fi Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaatiin calalamanii dorgommii taasifame darban walumatti ogeessotni 200 simatamanii leenjicha akka eegalan murteessee jira. Dhumarratti Gumichi haala eebba Leenjifamtoota Leenjii Hojiirraa Yeroo Dheeraa Marsaa 14ffaa irratti mari'achuun murtii dabarsee jira.

Corporate Site - This is a contributing Drupal Theme
Design by WeebPal.