Article

Raawwii Hojii Mootummaa bara 2014 fi Kallattii Karooraa Hojii bara 2015

Hoggantootnii fi hojjattootni Inistitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa raawwii hojii mootummaa kan bara 2014 fi kallattii karoora hojii bara 2015 irratti magaalaa Adaamaatti mari'atanii jiru. Marii kanarratti Itti Aanaan Daayirektara Ol'aanaa ILQSO Obbo Sulxaan Abdoo raawwiin hojii bara 2014 kan bara darbe yeroo walfakkaataa waliin yemmuu ilaalamu caalmaa kan qabu ta'us milkaa'ina argame kanatti quufuu dhiisnee bara 2015 tti raawwii hojii olaanaa galmeessisuuf hundi keenya qindoominaan hojjachuu qabna jedhaniiru.

Corporate Site - This is a contributing Drupal Theme
Design by WeebPal.