Article

SirnaEebba Leenjifamtoota

Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa leenjifamtoota Leenjii Hojii Irraa Yeroo Dheeraa Marsaa 14ffaa ji'oota sadiif leenjisaa ture guyyaa har'aa sirna hoo'aan eebbisiisee jira. Sirna eebbaa kanarratti gabaasa raawwii leenjii kan dhiyeessan Itti Aanaa Daayirektara Ol'aanaa Inistitiyuutichaa Obbo Sulxaan Abdoo, Eebbifamtootni guyyaa har'aa ji'oota sadan darbaniif mata dureewwan leenjii: Heera mootummaa, Naamusa Abbaa Alangummaa fi naamusa Abbaa Seerummaa, seera yakkaa, seera deemsa falmii yakkaa, seera deemsa falmii hariiroo hawaasaa, seera Bulchiinsa lafa baadiyyaa fi magaalaa, seera farra malaammaltummaa, seerota taaksii fi gumruukaa, seera dhaalaa, seera maatii, bilisummaa fi itti gaafatamummaa, hooggansaa /leadership/, kenniinsa tajaajilaa fi kanneen biroo irratti leenjii fudhatanii jiru, gahumsi ogummaa fi naamusni isaaniis bu'uura sirna jiruutiin itti fufiinsaan madaalamee kanas gumiin waan mirkaneesseef akka eebbifaman murtaa'ee jira jedhaniiru. Eebbifamtootni gahumsa, naamusaa fi miira tajaajiltummaa leenjiidhaan horatan hojiitti jijjiiruun haqni akka hin dabne, hin bitamnee fi hin gurguramne gahee keessan bahachuu qabdus jedhaniiru. Sirna Eebbaa kanarratti argamuun kallattii hojii kan kennan Itti Aanaan hogganaa Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Obbo Biyyaa Raayyaa Eebbifamtootni hubannoo leenjichaan argatan hojiitti jijjiiruun rakkoolee kenna tajaajilaa fi hannaa sirna haqaa qoraa jiru hambisuuf itti gaafatamummaa qaban bahachuu qabu jedhaniiru. Sagantaa kana irratti leenjifamtoota qabxii Ol'aanaa fidanii fi koreewwan hojii leenjiif gumaacha taasisaniif waraqaan ragaa fi beekamtiin kennameera.

Corporate Site - This is a contributing Drupal Theme
Design by WeebPal.