Koreen Bulchiinsaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa guyyaa kaleessaa Inistiitiyuutii Seeraa fi Haqaa federaalaa daawwate.
Koreen Bulchiinsa ILQSO ogeessota TQO mana hojichaa dabalachuun akkaataa itti fayyadama Teeknoolojii ammayyaa irratti muuxannoo wal jijjiiree jira.
Hirmaattonni yaada kennaniin daawwannaa kana irraa muuxannoo argachuufi kan itti gammadan tahuu ibsuun, sagantichi kaka’uumsa nu keessatti uumeera jedhanii jiru.
Daayrekteerri Ol’aantuun Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Aaddee Addunyaa Ahmad, simannaa hojjattoonni Inistiitiyuutichaa koree Bulchiinsa ILQSOtiif taasisan galateeffachuun, daawwannaa kanarraa wanti baruu qabnu teeknoolojiif xiyyeeffannoo kennuun mana hojii keenya ceesisuu akka qabnu dhaamanii jiru.