Nu Qunnamaa  :-022-110-0511    info@ilqso.gov.et                   

  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image

You are here

Overview

Project Details

Inistiitiyuutin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n koree Bulchiinsaa ,Dursitoota Garee, Ogeessota TQO fi Ogeessota kallattiin dhimmi ilaallatuuf mata duree karoora, Madaallii fi Itti fayyadama Moosaajii jedhu irratti leenjiin gabaabaan hubannoo cimsu kenname.

Leenjii kana booda daarekteroonnii fi dursitoonni garee hojjattoota isaan jala jiran hubachiisuun madaalliin raawwii hojii marsaa itti aanuu moosaajiin kennamuu akka qabu ibsame.

Leenjichi kan kenname guyyaa 1f yoo ta’u, leenjistoonni Geexee Hirphasaa (PhD) fi Obbo Aabbuu Jamaal Biiroo Pabiliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa irraayi.