Marii Leenjistootni Hooggansa Inistiitiyuutichaa waliin taasisan kana irratti, kaariikulamii leenjii Seeraa fooyyeesu, Naamusa Leenjifamtootaa fi dhimmoonni biroos itti dabalamuun irratti mari’atamee jira.
Marii kana irratti kaariikulamii ILQSO fooyyessuu keessatti Naamusa Leenjifamtootaan walqabatee qajeelfamaa fi maanuwaaliin mariif dhiyaate yaada ogeessotaatiin akka gabbatu taasifamee jira.
Daayrekteerri Ol’aantuun Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Aaddee Addunyaa Ahmad goolaba marichaa irratti, dhimmoonni guyyaa har’aa mariin irratti gaggeeffame Kaariikulamii hojii leenjii Inistiitiyuutichaa fooyyessuu keessatti shoora ol’aanaa waan qabaniif akkataa qajeelfataatiin hojiirra Oolmaa isaatiif Ogeessonni gahee isaanii akka bahan dhaamanii jiru.