Inistiitiyuutii leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatti Leenjistoonni fi Qorattoonni Qulqullina Joornaalii Seeraa Inistiitiyuutichi waggaa waggaan maxxansu irratti mariin bal’aan Gaggeeffamee jira.
ILQSOn Joornaalii Seeraa waggaa waggaan maxxasiisaa jiru jildii 14ffaa irra kan gahe yoo tahu, Joornaalichi sadarkaa isaa kan eeggatee fi beekkamtii kan qabu ta’us, qulqullinna isaa daran dabaluuf ciminaan kan hojjatamu tahuun ibsame.
Daarekteerri Ol’aantun Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Aaddee Addunyaa Ahmad, joornaaliin keenna sadarkaa amma irra jiru caalatti haala qulqullina fi hawataa taheen hawaasa bal’aa bira haala gahuu danda’u irratti hojjatamuu akka qab ibsuun, hanqinaaleen jiran fooyya’anii roodmaappii haaraan karaa dijitaalawaa ta’een dhaqqabummaan isaa dabaluuf ciminaan hojjatamuu akka qabu dhaamii jiru.