Article

Filannoo Bilisaa fi Dimokiraatawa Gaggeessuu Keessatti Gaheen Qaamolee Haqaa Olaanaa dha.

ILQSO'n Leenjii "Sirna Komii fi wal dhabbiin adeemsa filannoo keessatti Uumamu Ittiin ilaallamuu fi Qahee Qaamolee Haqaa" jedhu irratti Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaa Naannoo hanga Aanaa irraa dhufaniif Magaalaa Bishooftuutti  kennuu eegalee jira. Leenjiin kunis filannoo marsaa 6ffaaf bata kana gaggeeffamu keessatti qaamoleen haqaa labsii Filannoo,galmeessaa paartilee siyaasaa fi naamusa filannoo Lakk.1162/2011 bahe irratti hubannoo gahaa uumuun komii fi falmiiwwaan dhimmoota filannoon walqabatanii dhiyaatan qulqullinaan,si'oominaan murtii kennuun filannoo bilisa,dimokiraatawaa fi haqa qabeessa ta'e gaggeessuu keessatti gahee isaanii akka bahataniif yaadamee akka ta'e ibsamee jira.

Corporate Site - This is a contributing Drupal Theme
Design by WeebPal.