Article

Leenjii Ijaarsa Dandeettii Keessoo

Leenjii Dandeettii Rawwachiisummaa Hojjatoota Pablik Sarvaantii ILQSOtiif kennamee jira. Qabiyyeen leenjii kanaas mata dureewwan sadii irratti yoo ta'u Isaanis:-1.Aadaa Mana Hojii gaarii dagaagsuu 2.Labsii Haaraa Hojjattoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa lakk.215/2011 fi 3.Qajeelfama Raawwii Hooggansa Qabeenya Namaa Manneen hojii mootummaa naannoo Oromiyaa lakk.15/2012 bahee irratti qabiyyee seerichaa fi qajeelfama labsii kana hojii irra oolchuuf bahe hubannoo hubannoo cimsuuf yaadame leenjii kennamee dha.

kayyoo waliigalaa leenjii kanaas.Pablik Sarvaantiin Inistiitiyuutii keenyaa rakkoo aadaa mana hojii waliin walqabatee jiru adda baasuun tarsimoo rakkoowwan jiran hiikuu danda'an akka qopheessan, hojii irra oolchaanii fi akka dagaagsanii taasiisuu, labsii,danbi fi qajeelfamoota mootummaa naannoo oromiyaa mirgaa fi dirqamoota hojjatootaa irratti kaa'u hubachuun fi beekanii gahee isaanii akka bahaniif leenjii kennameedha. leenjiin kunis, Ogeeyyoota Ol'aanoo Biiroo Pablik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa kan ta'an Obbo Taaddalaa Amansiisaa fi Obbo Silashii Fiqaaduutiin  kan Kennameedh

Corporate Site - This is a contributing Drupal Theme
Design by WeebPal.