Article

Leenjii Yeroo Gabaabaa Hojii irraa

"Aangoo Dhimma Yakkaa fi Hariiroo Hawaasaa Manneen Murtii: Seeraa fi Hojimaata,Labsii haasawa jibbiinsa fi tatamsa'ina odeeffannoo sobaa ittisuu fi too'achuuf " bahee Lakk. 1185/2012 fi Labsii Bulchiinsa fi To'annoo meeshaa waraanaa Lakk.1177/2012 irratti Abbootii Seeraa 100 fi Abbootii Alangaa 60 walumatti ogeessota  seeraa 160 Godinaalee fi Aanaalee Oromiyaarra dhufaniif Magaalaa Bishooftuutti marsaa 2ffaa  leenjii hubannoo cimsuu turtii guyyoota shaniif turu kennamu har'a eegalamee jira. Daayireektrarri Olaanaa Inistiitiyuutiichaa Obboo Tasfaayee Booressaa hirmaattoonni leenjiichaa,bu'uura sagantaa qabameen leenjicha sirnaan hordofuun bu'aa leenjicha irraa argatan muuxxannoo qabaniin deeggaruun hojii irra akka oolchanii fi dhimmoota irratti leenji'ais mana hojii isaaniin akka gahan dhaamsuun leenjicha eegalsiisanii jiru.

Corporate Site - This is a contributing Drupal Theme
Design by WeebPal.