Agarsiini Egzibiishinii Seektarootaa Naannoo Oromiyaa Gaggeeffame
Agarsiisa Egzibiishinii Hojiilee waggoottan 6n darbanii as gaggeeffamaa jiru irratti Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Hojiilee ijoo hojjachaa jiru agarsiisaa jira.
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Agarsiisa Egzibiishinii Hojiilee Seektaroota Naannoo Oromiyaa Biiroo kominikeeshinii Oromiyaatiin qophaa'ee Giddugala Aadaa Oromootti gaggeeffamaa jiru irratti hirmaachuun hojiilee Inistiitiyuutichaa daawwachiisaa jira.
Agarsiisicha irrattis, raawwii hojiilee gurguddoo Inistiitiyuutichaa bifa maxxansaa, Suuraa fi suursagaleen qindeessuun, akkasumas fooyya'iinsa sirna haqaa milkeessuuf hojiileen gama leenjii fi qorannootiin hojjatamandaawwatamaa jiru.
Daawwannichis guyyaa har'aa irraa eegalee guyyoota sadiif itti fufiinsaan kan gaggeeffamu ta'a.