Ajajni Mana Murtii maali?

  • 28 Jun 2025
  • Posted by adminilqso
  • 0 Comments

Mata duree " Ajajni Mana Murtii maali? Yoo Ajajni Mana Murtii Hojiirra ooluu baate rakkoo maaltu muudata? Kan jedhu fi dhimmoota Ajaja Mana Murtiitin walqabatan bal'innaan isin biraan geenna.

Yaadamni Ajaja Mana Murtii jedhu sirnaan walqabata. Biyyi Sirnaan bulti. Sirni immoo seeraan ijaarama.

Ajajni Mana Murtii kabajamuun bu'aawwan hedduu qaba.

Ol'aantummaan seeraa ni kabajama.

Haqani ni mirkanaa'a.

Hawaasni seeratti akka amanu taasisa. Akkasumas qaroominaa fi dimokiraasii dagaagsa. Ajaja Mana Murtii fudhachuu dhabuun gara alseerummaatti nama geessa. Kun immoo sirna biyyaa diiga waa ta'eef ajani mana murtii kabajamuu qaba.

Mata duree kana irratti ibsa bal'aa kan kennan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatti, Leenjisaa Seeraa fi Abbaa Seeraa Mana Murtii Waliigala Oromiyaa #Obbo_Jamaal_Qumbii ti.