Galata_Qabdu.
Itti Aanaan Daayrekteera Ol’aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa #Obbo_Sulxaan_Abdoo Turtii waggoota 4 fi ji'oota 7 booda fedhi isaanitiin #ILQSO gadi dhiisanii gara hojii ogummaa isaaniitti deebi'anii jiru.
Gumiin Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa( ILQSO) iyyata isaanii ilaaluun murteesse gara Ogummaa isaanii Biiroo Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaatti deebisanii jiru.
Obbo Sulxaan turtii isaanii ILQSO keessatti koree bulchiinsaa, leenjistoota , qorattootaa fi hojjattoota ILQSO hunda waliin hojiiwwan hedduu hojjachuun milkaa’ina ILQSOtiif gahee isaanii bahachaa turanii jiru.
Yeroo turtii kana keessatti amala gaariin hawaasa Inistiitiyuutichaa waliin dabarsanii jiru.
Ammas iddoo hojii gaarii fi kan itti milkooftan isiniif haa ta’uun hawwii hojjattoota Inistiitiyuutichaati.




