Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa(ILQSO)n Haala mijataa iddoo Leenjii, Qorannoo fi Hojjattoota Inistiitiyuutichaatiif uumuuf Waliigaltee Haaromsa pirojektii taasisee jira.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa Hojjattoonni iddoo Hojjatanitti si’aayinaan akka hojjataniif iddoon hojii mijataa fi Hawataa ta’uun milkaa’ina Hojiitiif shoora ol’aanaa qabaachuu itti amaanuun hojjataa jiraachuun ni beekama.
Haaluma Kanaan ILQSOn Qe’ee Seeraa ta’e caalatti leenjistoota, Qorattoota, Hojjattoota Inistiitiyuutichaa fi Qaamolee garaagaraa leenjii asitti fudhataniif caalatti haala Istaandardii isaa eeggateen akka haaromsi taasifamu xiyyeeffannoo guddaa itti kennuun Haaromsi Gamoo Guutuuguututti akka taasifamu gochuun hojiitti galamee jira.
Kanaaf Qaamolee Dhimmi Ilaallatu waliin ta’uun dizaayinin barbaachisuu bocamee karaa sirnaafi seera isaa eeggateen calbaasiin akka gaggeeffamu taasifamee abbaan moo’ate waliigalee isaa Mallatteessee hojiitti galee jira.
ILQSOn Sirna Haqaa Naannichaa Fooyyessuu keessatti bara Hundeeffama isaa irraa eegalee hojii guddaa hojjataa jiraachhuu hubachuun xiyyeeffannoon Mootummaann kenne Leenjifamtoonni fi Qaamoleen ILQSOtti tajaajilamanis carraa Kanaan galateeffachuun gama keenyaan sirna haqaa caalatti fooyyessuu keessatti gahee keenya akka sirnaan baanu kan nutti agarsiisudha.
Dhumarratti ,Qaamolee milkaa’ina Haaromsa pirojektii kana keessatti gahee isaanii bahan hunda maqaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatiin Galateeffachuun warra manni hojii keenya Haaromee Haala mijataa keessatti gahee nurraa eeggamu bahu Rabbi nu haataasisuun Dhaamsa keenya.
ILQSOn Wiirtuu Gahoomina Haqaati!