ILQSOn gama tajaajila gorsa seeraatiin Hubannoo Seeraa Hawaasa bal'aa biratti uumuuf Faanaa Miidiyaa Korporeeshiinii/FMC/ buufataalee Shanan jiraniin Raadiyoo irratti sagantaa torbeetti si'a tokko daqiiqaa 20f turu mata dureewwan adda addaa irratti torbee 26f hojjachaa turee jira.
Haala waliigala sagantichaa irratti yaadaa ijaarsaa fi Gaaffilee hawaasa biraa saganticha ilaalchisee ka'an irratti B.B Daayrekteerri Daayrektoreetii Kenna Leenjii fi Tajaajila Gorsa Seeraa Obbo Miilkii Makriyaa kallattiidhaan buufata Faanaa Asallaa 90.0tti argamuun dhaggeeffattootaaf deebii keennanii jiru. Dabalataanis Obbo Miilkiin gara fuula duraattiis hubannoon seeraa Hawaasaa itti cimuu danda'u irratti, akkasumas mata dureewwan irratti xiyyeeffachuu qaban fedhii hawaasa bal'aa irratti xiyyeeffachuun hojjachuun hubannoo hawaasaa gama seeraatiin cimsuuf kan hojjatamu tahuu ibsanii jiru.
Gama Ogeessota Effi Emmii Faanaa Asallaa 90.0 tiinis sagantichi baay'ee hawaasa biratti jaalatamaa tahuu yaadawwan torbee torbeen hawaasa biraa isaan qaqqabu bu'uureffachuun kan kaasan yoo ta'u, mata dureewwan akka seera maatii, seera Gaa'elaan walqabatee jiru akkasumas seera Malaammaltummaa Haaraa bahee kkf irratti hawaasni hubannoo bal'aa kan barbaadu tahuu ibsuun ILQSOn sagantaawwan torbeen darban kana irratti kallattii garaagaraatiin duukaa bu'uun hordoffii taasisuu akka qabu dhaamuun Ogeessota seeraa qabu matadureewwan garaagaraa irratti hawaasa bal'aaf hubannoo seeraa akkanaa kennuu isaatiif Inistiitiyuuticha galateeffatanii jiru.