Jilli Af-yaa'ii Mana Marii Bakka Bu'oota Uummataa
Jilli Af-yaa'ii Mana Marii Bakka Bu'oota Uummataa Kabajamoo Obbo Taaggasaa Caafootiin durfamu Hojiilee gurguddoo Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Daawwate.
Inistiitiyuutichi bara hundeeffama isaa irraa eegalee sirna haqaa Naannichaa fooyyessuu keessatti shoora ol'aanaa bahaa kan jiruu fi hojiilee leenjii,qorannoo seeraa fi tajaajila gorsa seeraa kennuun dandeettii raawwachiisummaa ogeessota seeraa Naannichaa cimsaa kan jiru tahuun jila kanaaf ibsamee jira.
Gama hojiilee Qorannootin immoo Inistiititiyuutichi Joornaalii seeraa Maxxansa 13ffaa irra kan gahe yoo ta'u, Galmee Jechoota Seeraa Afaan Oromoo fi Ingiliffaas maxxansiisuun tajaajila seeraaf qaqqabsiisuus woyta daawwannaan gaggeeffamu ibsi taasifameera. ILQSOn leenjii Seeraa fi Qorannoo fi Qo'annoo Seeraa gaggeessuun dabalataanis Siimpooziyeemii sadarkaa biyyaalessaatti kan gaggeessu tahuunis hojiiwwan Inistiitiyuutichi hojjachaa jiru tahuun ibsameef.