Nu Qunnamaa  :-022-110-0511    info@ilqso.gov.et                   

  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image

You are here

Overview

Project Details

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Leenjifamtoota LHD Marsaa Addaa 4ffaa 100 simachuun leenjisuu eegale.

B.B. Daayrekteera Daayrektoreetii kenna leenjii fi Tajaajila Gorsa Seeraa Obbo Miilkii Makuriyaa Hundeeffama Inistiitiyuutichaa irraa eegalee hojiiwwan gama leenjii, qorannoo seeraa fi tajaajila gorsa seeraatiin hojjataman ibsuun kaayyoon #ILQSO Ogeessota Seeraa gahuumsaa fi naamusa gaarii qaban horachuun fooyya'iinsa sirna haqaa milkeessuuf karoorfame galmaan gahuuf ciminaan hojjachuuf akka ta'e himanii jiru.

Dabalataanis obbo Miilkiin tajaajiloota leenjifamtootaaf yeroo turmaataa isaanii keessatti kennaman ibsuun, naamusni leenjifamtoota irraa eegamus baay'ee murteessaa ta'uu kaasanii jiru.

Leenjifamtoonnis yaadotaa fi dhimmoota tajaajilaan walqabatan tokko tokko irratti yeroo turmaataa kana keessatti waan isaan barbaachisu irratti gaafilee fi yaada kaasanii jiru.

I/A Daayrekteera Ol'aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Sulxaan Abdoo leenjifamtootaan baga nagaan dhuftan jechuun #ILQSOn iddoo ogeessonni seeraa Naannoo keenyaa naamusaa fi beekumsa guddaa itti argattan waan ta'eef naamusni kun immoo jireenya keessan guutuu akksumas dandeettin asitti horattan iddoo marattuu dorgomaa akka taatan waan isin deeggaruuf ciminaan hojjachuu qabdan jechuun dhaamanii jiru.

Dabalataanis Obbo Sulxaan, akka ILQSOtti naamusaaf xiyyeeffannoo guddaa waan kenninuuf leenjifamtoonnis kana hubatanii ogeessa seeraa naamusa gaarii qabu tahuuf of qopheessuu qabdu jechuun mul'ata keenna milkeesuuf Inistiitiyuutichi waan hedduu hojjataa jiraachuu ibsanii jiru.