Leenjiin Tumaalee Yakka Falmisiisoo fi Murteessa Adabbii Kennamaa jira.

  • 11 Apr 2025
  • Posted by adminilqso
  • 0 Comments

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa dandeettii raawwachiisummaa qaamolee haqaa cimsuuf Mata duree #Tumaalee_yakkaa_falmisiisoofi_murteessa_adabbii" jedhu irratti abbootii seeraafi abbootii alangaatiif magaalaa #Jimmaatti leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa kennaa jira.

#Kaayyoon leenjichaa, seera yakkaa keessatti dhimmoota falmisiisoo ta'an kanneen akka: garaagarummaa qophiifi yaalii yakkaa, yakkoota lubbuufi qaama irratti raawwataman, yakkoota daguu, garaagarummaa yakkoota qabeenya irratti raawwatamaniifi kkf irratti hubannoo jiru cimsuu, hiikkoofi ejjennoon walfakkaataan akka uumamu dandeessisuuf kan kennamaa jiru yoo ta'u, leenjichi guyyoota 3f kan kennamu ta'uun ibsame.

Leenjistootni leenjicha kennan: Dachaasaa Kabbadaa , Haashim Tunaa, Tigist Asfaaw fi Geetaachoo Kabbadaa yoo ta'an leenjichi mata duree walfakkaataa irratti iddoo lamatti qooduun kennamaa jira.