Nu Qunnamaa  :-022-110-0511    info@ilqso.gov.et                   

  • Slide Background Image
    Leenjii Gabaaba
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image

You are here

Overview

Project Details

Marii Gumii Balal marsaa 43ffaa geggeeffameen barreeffama marii kan dhiyeessan Inistitiyuutii Leenjiifi Qorannoo Seeraa Oromiyaatti Qorataa Seeraa Obbo Milkii Makuriyaa manni Murtii Aadaa haqa dhokate ifa baasurra darbee walitti dhufeenya hawaasaa cimsaa jiraachuu ibsaniiru.

Manni Murtii Aadaa akka Mana Murtii Idilee ragaarratti hundaa'ee murtii kenna osoo hin taane, dhugaarratti hundaa'uun seera aadaa bu'uureeffatee murtii haqa qabeessa kennuun waldhabdee garaa qulqulluun furuun kan wal dhabe gidduutti araara kan buusu ta'uu himaniiru.

Mana Murtii Aadaatti dhugaatu moo'ata malee moo'aafi moo'amaan hin jiru kan jedhan Obbo Milkiin, kunis walitti dhufeenyi hawaasaa deebi'ee akka ititu kan taasisu ta'uu dubbataniiru.

Naannoo Oromiyaatti erga Manni Murtii Aadaa hundaa'ee bu'aawwan hedduun argamuu kaasanii, seerri aadaa deebi'ee lafa qabachuun, galmeen manneen murtii idileerraa xiqqaachuun, ragaan sobaa xiqqaachuu, baasii hawaasni haqa barbaachaaf baasu xiqqaachuun akkasumas tajaajilli Mana Murtii Aadaa adeemsa salphaa waan hordofuuf hawaasni afaan ofii beekuun, jaarsoolii ofii beekuun tajaaila haqaa argachaa jiraachuun bu'aawwan gurguddaan argamaa jiraachuu ibsaniiru.

Hawaasni Manni Murtii Aadaa jaarmiyaa kiyya jedhee tumsaa jiraachuun bu'uura uummatummaa akka qabaatu taasisaa jiraachuun eeruun, yeroo ammaa tajaajilli Manneen Murtii Aadaatti kennamaa jiru naannolee birootiif muuxannoo ta'aa jiraachuu kaasaniiru

Hariiroo Mana Murtii Idileefi Mana Murtii Aadaa cimsuun, bilisummaa Manneen Murtii Aadaa kabajuu, seerota fudhatamummaafi hojiirra oolmaasaa danqan ilaalamuu akka qabu himuun, hirmaannaa dubartootaa cimsuun akkasumas sirna deeggarsaafi hordoffii madaallii cimaa ta'e diriirsuun dhimmoota irratti hojjachuun barbaachisu ta'uus Obbo Milkiin hubachiisaniiru.