Nu Qunnamaa  :-022-110-0511    info@ilqso.gov.et                   

  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image

You are here

Overview

Project Details

Inistiitiyuutiin Leenjiifi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Qajeelfama Adabbii Lakk.03/2017 haraa bahe irratti leenjii Hojii irraa yeroo Gabaabaa kennaa jira.

Qajeelfama adabbii haaraa waxabajjii 2017 bahee akka biyyaatti hojii irra oolaa jiruu irratti hubannoo waliigalaa uumuun kenna murtii adabbii,iftoomina,ittii gaafatamummaa,bu'aa_qabeessummaa fi tilmaamamaa qabu akka ta'u akkasumas,keenni murtii adabbii dhimmotni yakkaa walitti dhiheenya qabanii fi wal fakkaatoo ta'an jidduutti adabbi walitti dhihaatuu akka murtaa'u ykn akka kennamu kaayyeffatee leenjii keennamaa jiruu dha.

Leenjichii Abbootii Seeraa mana murtii Ol'aanaa fi Abbooti Alangaa godinaaleetiif kan kennamaa jiru yoo ta'u, guyyota sadiif kan turu ta'uun ibsame.

Leenjiin kuniis B.B Daayrekteera Daayrektoreetii Kenna Leenjii fi Tajaajila Gorsa Seeraa ILQSO #obbo_Miilkii_Makuriyaa fi Leenjistuu seeraa ILQSO #Aaddee_Tigisti_Asfaaw tiin kennamaa jira.