Qoodinsa_Qabeenyaa_keessatti_dubartoonni_mirga_akkamii_qabu?

  • 25 Sep 2025
  • Posted by adminilqso
  • 0 Comments

Gaa'ellli Sadarkaa Heera Mootummaatti akkaataa kamiin Ilaallama?

Abbaan Warraa fi Haati Warraa Bulchiinsa Qabeenyaa fi Daa'immanii irratti mirga akkamii qabu?

#Qoodinsa_Qabeenyaa_keessatti_dubartoonni_mirga_akkamii_qabu?

Gaa'ela keessatti qabeenyaa fi qabiyyeen lafaa akkamitti ilaallama? kan Jedhu qabannee dhiyaanee jirra.

Gaa'elli/ Fuudhaaf Heerumni/ aadaa Hawaasaa nama lama walitti hidhuun kan maatii uumudha. Gaa'ela raawwachuuf umrii gaa'elaa gahe waggaa 18 guutuu fi walfuutota jidduu fedhiin guutuun jiraachuu qaba.

Seera Maatii Oromiyaas ta'ee seera maatii Feederaalaa keessatti karaaleen gaa'elli ittiin raawwatamu gurguddoo 3tu jira.

1.karaa Amantii walfuutotaatiin gaa'ela raawwatamu

2.karaa Aadaa walfuutotaa keessaa isa tokkoon Gaa'ela raawwatamu

3.karaa Itti Gaafatamummaa Galmeessa Haala Hawaasummaatiin raawwatamuu ni danda'a.

Seerri Maatii Oromiyaa addatti karaa 4ffaa dabaluun, Gaa'elli akkaataa seera naannoo ykn biyya biraatìin hunddaa'ee dhufe hanga safuu seera Oromiyaa kana hin cabsinetti beekkamtii seera maatii Oromiyaa qaba. kanaaf, Gaa'elli karaalee afran olitti ibsame kanaan raaewatame seera duratti ija walqixaan ilaallama.

Maatiin bu'uura Hawaasaati. Kanaaf Gaa'elli tokko yoo diigame qabeenyaa fi daa'immantu bittinnaa'a waan ta'eef akka gaa'elli tokkos diigamu seerri hin deeggaru. Diigamuun gaa'elaas kufaatii waan hundaati waan ta'eef yoo humnaa ol ta'e qofa diigama.

Mata duree kana irratti ibsaa bal'aa kan kennan Abbaa Seeraa Mana Murtii Ol'aanaa fi Leenjisaa Seeraa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO) #Obbo_Jaarraa_Bariisoo ti.