Article

Leenjii Dandeetti Cimsuuf kennamee

Sirna Biittaa Mootummaa fi Bulchiinsa Qabeenya Mootummaa irratti leenjiin hubannoo cimsuu ogeessota Inistiitiyuutichaa dhimma kana irratti hojjataniif magaala Bishooftuutti kennamaa jira.

Leenjiin kunis qajeelfamoota sirna bittaa mootummaa fi bulchiinsa qabeenya hojii irra jiran irratti hubannoo gahaa qabaachuun seerota kanneen sirnaan hojii irra oolchuun bittaa fi bulchiinsa qabeenya bu' a qabeessa ta'e gaggeessuu fi raawwii hojii fooyyeessuuf leenjii kennamaa jiru akka ta'e I/A/Daayireektara Inistiitiyuutichaa kan ta'an Obbo Addaamuu Dhufeeraa wayita leenjicha jalqabsiisan ibsanii jiru.

Leenjiin kun sirni bittaa qabeenya mootummaa karooraan deeggaramuun raawwachuu fi sirna bittaa mootummaa eeguun bittaa gaggeessuuf akkasumas qabeenyi mootummaa bitames osoo hin qisaasamin kaayyoo bitameef oolchuuf hubannoo ogeessotaa kan cimsuu fi qabeenya tajaajila kennuun faayidaan ala ta'anis sirnaan maqsuuf guddaa kan fayyadu akka ta'e ibsamee jira.Leenjii kanas, kennaa kan jiran ogeessa Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenya Biiroo Maallaqaa fi Walta'iinsa Diinagdee Oromiyaa kan ta'an obboo Kaffiyaalaw Goobanaatiini.

Corporate Site - This is a contributing Drupal Theme
Design by WeebPal.