Article

Daayirektoreetiiwwan sadii rawwii hojii bara 2013 keessatti raawwii olaanaa galmeessisaniif beekamtiin kennamee jira

Gammaaggama taasifameenis madaallii rawwii hojii gaggeessuun daayirektoreetiiwwan sadi rawwii hojii bara 2013 keessatti raawwii olaanaa galmeessisaniif beekamtiin kennamee jira. Bu’uuruma kanaan, Daayireektarri Daayieektoreetii Kenna Leenjii fi Tajaajila Gorsa Seeraa, Daayireektarri Qorannoo fi Qo’annoo akkasumas Daayirektarri Daayireektoreetii Qophii Karooraa, Baajataa fi Gammaaggamaa walduraa duubaan sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaa argatanii jiru.

Dhumarrattis, Daayreektooreetiiwwan bu’aa raawwii hojii olaanaa galmeessisan kanneeniif waraqaan ragaa kan kennameef yammuu ta’u, kanneen 1ffaa fi 2ffaa bahaniif fi immoo laaptooppiin dabalataan bifa badhaasaatiin kennameefii jira. Beekamtiin kenname kunis hawaaasa Inisitiyuutrichaa bu’aa caalmaa galmeesissuuf guddaa kan kakaasuu fi sadarkaa daayireektarootaa fi hojjatootaatti miira dorgammii uumuu keessatti gahee akka qabu ibsamee jira.

Corporate Site - This is a contributing Drupal Theme
Design by WeebPal.