Article

Hojii Tola Ooltummaa

 

Hojjattoonni Inistiitiyuutii keenyaa qarshii dhibba shan, shan dimshaashaan qarshii 82,500(saddeettamii lamaa fi dhibba shan) walitti buusuun dabtara darzana 204,qalama biikii paakkoo 32.6 bituun, barattoota maatii harka qalleeyyi ta'aniif , maatii hin qabnee fi barattoota mana amala sirreessaa keessa maatii isaanii waliin jiraniif deeggarsi deeggarsii taasifameera.

Barattoota maatii harka qalleeyyi Mana Baruumsaa Hiddaasee sad. 1ffaa Adaamaatiif dabtara darzana 74 fi qalama paakkoo 4 fi Mana Barumsa Amala Sirreessaa sad. 1ffaa Adaamaatiif deeggarsi barattoota 76 ta'aniif dabatarri fi qalamni kennamee jira. Deeggarsi taasifame kunis walumaagalatti barataa tokkoof dabatara 12 fi qalamni saddeet kan kenname yoo ta'u,gama Biiroo Dhimma Dubartoota, Daa'immanii Oromiyaatiinis barattoota rakkoo walfakkaataa qaban biraan akka gahan deeggarsi dabtara darzana 53 fi qalama paakkoo 8 taasifamee jira.Walumaa galatti barattoota 204 ta'aniif dabtarri kudha lama lamaa fi qalamni8,8 kennamee jira. Gama biraatiin,hojjattuu Inistiitiyuuti keenya kan ta'an addee Wasanee Ayyaanoo abbaan warraa isaanii raayyaa ittisa biyyaatti waan makamaniif, haala keessa jiran hubachuun deeggarsi maallaqa uffata yunifoormii mana barnootaa ijoollee isaaniif bituuf gargaaru qarshii kuma jahaa fi dhibba saddeetii fi digdamii saddeet 6,828, dabtara 12 fi qalama waliin kennameefii jira.

Deeggarsi nama qabeenya qabuun qofa osoo hin taane, namni kamuu waanuma qabu irraa gumaachuu kan danda'uu fi rakkoo jiru hubachuu kan gaafatu waan ta'eef, namni kamuu hojii tola ooltummaa irratti himaachuu akka qabu ibsamee jira.Deeggarsi meeshaalee barnootaa taasifame kunis, rakkoo maatii fi daa'imman kun qaban hanga tokko ni fura jennee yaadna. Aadaan wal deeggaruu kunis itti fufuu akka qabu ibsamee jira.Hojjatoonni Inistiitiyuutii keenyaas, wal deeggaruun aadaa oromoo ta' uu isaa hubachuun fi labsii tajaajila lammummaa caffeen naannoo keenyaa baase hojii irra oolchuuf maallaqa walitti buusuun deeggarsi kun akka kennamu waan gumachaaniif, maqaa ILQSOtiin galata galchina jechuun Itti Aanaan Daayireektara Inistiitiyuutichaa, Obboo Addaamu Dhufeeraa sagantaa kana irratti ibsanii jiru.

Corporate Site - This is a contributing Drupal Theme
Design by WeebPal.