Article

Gamaaggama Raawwii Hojii Kurmaana 3ffaa Bara 2014

Gamaaggama Raawwii Hojii Kurmaana 3ffaa Bara 2014
Gamaaggamni raawwii hojii Inistitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa kurmaana 3ffaa Magaala Adaamaatti gaggeeffamaa ture Xumurameera. Gamaaggamichi Daayrektoreetiin hundi gabaasa raawwii hojii isaanii kallattiidhaan akka dhiyeessan taasisuun kan eegalame yoo ta'u mariin bal'aanis irratti gaggeeffame jira. Gamaaggama taasifameen akka waliigalaatti raawwii hojii ILQSO hanga kurmaana 3ffaatti jiru kan yeroo walfakkaataa bara darbee waliin walbira qabamee yemmuu ilaalamu gama hundaanuu fooyya'iinsa kan qabu ta'uun hubatameera. Karoora bara 2014 waliin walbira qabamee yemmuu ilaalamus hojiiwwan tokko tokko karooraa ol kan raawwataman ta'uun beekkameera. Raawwiin hanga ammaatti jiru jajjabeessaa ta'us hojiiwwan tokko tokko harca'anii kan hafan ta'uu fi hanqinaaleen kenna tajaajilaas kan jiran ta'uun hubatameera. Kanaafuu Daayrektoreetiin hundi hojiiwwan harca'anii hafanii fi hanqinaalee kenna tajaajilaa isaan biratti mul'atan sakatta'uun adda baasuun karoora keessatti hammachiisuun kurmaana 4ffaa keessatti xumuruun keessaa bahuu akka qabu kallattiin kaa'ameera.
Corporate Site - This is a contributing Drupal Theme
Design by WeebPal.