Services

Sagantaa Leenjii Hojiirraa Yeroo Gabaabaa

Afaan Oromo

Sagantaa Leenjii Hojiirraa Yeroo Gabaabaa ogeessota seeraa qamolee haqaa keessa hojjetaniif hojii idilee isaanii irra osoo jiranuu leenjii cimsannaa huminaa guyyota 3-5 fudhatu mata dureewwan adda addaa irratti kennudhaan dandeettii ogeessotaa cimsuudhaaf eenjii kennamudha.
Sagantaa leenjii kana keessatti leenjiin kan irratti hundaa’u fedha leenjii qaamolee haqaa irratti ta’ee,rakkoo qabatamaa raawwii mana hojii tokko hiikuudhaaf hojii daran barbaachisaa ta’eedha. Adeemsi leenjii kanaatis karoorri leenjii osoo hin bahiniin dura fedhii leenjii qorachuudhaan, fedha leenjii irratti hundaa’uun moojuulii leenjii hojiirraa yeroo gabaabaa qopheessudhaan, karoora leenjii bu’aa qorannoo fedha leeenjii irratti hunda’e qopheessudhaan, leenjii rakkoo adda bahee beekkameef furmaata uumuu dand’u ogeessota gahumsaa, dandeettii fi muuxannoo ol’aanaa qabaniin kennudhaan qaawwa raawwii hojii ogeessota guutuudha.
Haaluma kanaan Leenjii Hojii Irraa Yeroo Gabaabaa ilaalchisee; Inistiitiyutichi erga hundeeffamee kaasee hanga  bara 2008 tti xumuraatti leenjiiwwan gaggabaabaa hojii irraa mata dureewwan leenjii filataman adda addaa  138  irratti  ogeessota qaamolee haqaa baay’inni isaanii  31,603    ta’aniiif leenjin kennamee jira. hanga dhuma karoora bara kanaattis dabalataan leenjii kennuuf hojjatamaa jirra. Bara 2009 ttis mata-dureewwan leenjin irratti kennamu gara 144 tti ol-guddisuun lakkoofsa leenjifamtoota leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa 33,603 irraan gahuuf karoorfatee itti deemaa jira.

Corporate Site - This is a contributing Drupal Theme
Design by WeebPal.