Services

Sagantaa Leenjii Hojiirraa Yeroo Dheeraa

Undefined

Leenjiin hojiirraa yeroo dheeraa ogeessota seeraa qaamolee haqaa keessatti hojii idilee irra jiraniif dandeettii raawwachiisummaa isaanii dabaluudhaaf  ofitti fudhachuudhaan ji’oota shaniif  leenjii dandeettii, beekumsaa, naamusa ogummaa fi ilaalchaa akkasumas miira tajaajiltummaa uummatummaa isaanii cimsu kennuudhaan gahumsa isaanii mirkaneessudhaan gara hojii idilee isaanitti deebi’uudhaan tajaajila haqaa hawaasaaf akka kennan taasisuudha.
Institiyuutichi bu’uura sagantaa leenjii hojii irraa yeroo dheeraatiin  bara 2002 irraa eegalee dandeetti ogummaa, naamusaa fi ilaalcha tajaajiltummaa ogeessota hojii irra jiranii cimsuudhaaf bu’uura sirna leenjii seeraa sagantaa kanaaf qophaa’eetiin marsaa 12n  leenjifamtoota Abbootii Seeraa fi Abbootii  Alangaa  lakkoofsaa 2176  ta’an  gahumsa isaanii mirkaneessuun gara hojii isaaniitti akka deebi’an taasisee jira.

Corporate Site - This is a contributing Drupal Theme
Design by WeebPal.