Services

Sagantaa Leenjii Hojiin Duraa

Undefined

Leenjii hojiin duraajechuun leenjii Abbooti Seeraa, Abbootii Alangaa, Rijistraara, Abukaattoo Ittisaa akkasumas hojjatoota seektara qaamolee haqaa kana ta’uudhaan gara sirnichaatti haarawaa makamaniif sagantaa yeroo dheeraatiin  leenjii ogeessota seeraa qaamolee haqaatiif  kennamu dha.
Hojiin Abbaa Seerummaa fi Abbaa Alangummaa beekumsaa fi ogummaa barnoota koolleejjiitii fi Yuunivarsiitiitti  argataniin ala gahuumsa fi dandeettii addaa kan gaafatu ta’uun isaa  ni beekama. Barbaachisummaan Sagantaa Leenjii Hojiin Duraa  ogeessota seeraa beekumsa seeraa bu’uura namoota  qaban ofitti fudhachuudhaan leenjii kennamuun  itti gaafatamummaa fi gahuumsa olaanaa gama beekumsa, ogummaa, naamusaa fi ilaalchatiin hojii A/seerummaa fi A/alangummaatiif barbaachisu gonfachiisuu dha.
Bu’uuruma kanaan Ogeessota sirna heeraa hojiirra oolchanii fi eegan, sirni haqaas kan lammiilee garaa gahuu danda’u akka ta’u ogeessota dandeessisan horachuun mul’ata saganta leenjichaati. Sagantaan leenjii kunis kaayyowwan walii gala armaan gadii kan qabu yemmuu ta’u isaanis:-
Ø  Abbootiin Seaaraa fi Abbootiin Alangaa fuul dura  hojiitti bobba’an  kabaja seeraa fi sirna heeraatiif quuqama horatanii gara hojiitti akka galan taasisuuf,
Ø  Ogeessonni qaamolee haqaa walitti dhufeenya imammatoota mootummaa fi Heeraa fi Seera wajjiin qaban hubachuudhaan rawwatiinsa isaatifis gahuumsa akka horatan gochuuf,
Ø  Fedhii hawwasichaa hubatanii, tajaajila haqa qabeesa, safisaa fi qulqullina qabu kennuudhaaf gahumsa ogummaa fi ilaalcha barbaachisu akka argatan dandeessisuuf,
Ø  Itti gaafatamummaa hojii Abbaa Seerummaa fi Abbaa Alangummaa bahachuu akka danda’an dandeettii, ogummaa fi ilaalcha barbaachisu akka gonfatan taasisuuf,
Ø  Dhimmoota, dhaddachaa fi hojii isaanii safisaa fi bu’aa qabeessa karaa ta’een gaggeessuu akka danda’an  ogummaa fi ilaalcha  gutuu ta’e akka  horatan  gochuuf,
Ø  Murtiin  ogeessonni qaamolee haqaa kennanis sababaanii fi yaad-rimee seeraatiin kan deeggarame akka ta’uuf  gahumsaa fi dandeettii barbaachisu akka horatan taasisuuf,
Ø  Naamusa hojii Abbaa Seeraumma ykn Abbaa Alangummaa raawwachuuf barbaachisu gonfachuun hojiirra olchuufis kan isaan dandeessisu oguummaa akka horatan gochuuf, kanneen jedhaman isaan ijoodha.
Inistiitiyuutichi saganta leenjiii kanaan yeroo hundeffame jechuunis bara 1999 irraa eegalee hanga xumura bara 2008tti ogeesota baruumsa  seeraatiin digirii jalqabaa qaban baay’inni isaanii 2027 ta’an ofitt fudhatee leenjisuudhaan gahuumsa isanii mirkaneessee gara qaamolee haqaatti akka makaman tasisee jira. Sagantaadhuma wal fakaatuun bara baajataa kana keessatis (2009) leenjifamtoota 398 ofitti fudhatee leenjisuu irratti argama. Xumura bara kanaa irratis baay’ina leenjifamtota saganta kanaan gara qaamolee haqaatti makaman lakkofsa isaanii 2425 irraan kan gahu ta’a jechuudha.

Corporate Site - This is a contributing Drupal Theme
Design by WeebPal.