Mata duree Raawwii murtii hariiroo hawaasaa fi mirga dursaa abbootii dhimmaa : seeraa fi hojumaata; leenjii abbootii seeraa sadarkaa aanaa fi godinaa jirani 452 (dhiira dubartii ) leenjiin kennamee jira.
Mata dureewwan Dhiyeessa, dhagahaa fi madaallii ragaa: seeraa fi hojumaata fi Mala hiikkaa wal diddaa filannoo (ADR) jedhaman irratti immoo itti aanee leenjiin kan kennamu ta’uu isaa fi sagantaa qabamee waamichi darbee jira.
Kana malees, mata dureewwan asiin dura moojuuliin irratti qophaa’ee fi leenjiin akka irratti kennamuu fi fedhii addaatiin gaafataman murtii hooggansaatiin akka itti deemaman adda bahanii jiru. Mata dureewwan kunninis:-
Qajeelfama Adabbii yakkaa;
Adeemsa qophii wixinnee seeraa;
Hooggansaa fi jijjiirrama hooggansaa;
Hordoffii, madaallii fi gabaasa bu’aa irratti xiyeefate;
Hooggansaa fi hooggansa bu’aa irratti xiyeefate;
Bulchiinsa dhangala’iinsa dhimmootaa fi madaallii abbootii seeraa;
Sirna seera adeemsa falmii siviilii ti.
Bu’uuruma kanaan,
Adeemsa Qophii Wixinnee Seeraa: yaadi rimee fi tooftaa qophii wixinnee seeraa irratti muuxannoo fi dandeettii isaanii akka gabbifataniif hooggansaa fiAbbootii Alangaa Mana Hojii Abbaa Alangaa Oromiyaa namoota 15, Hooggansaa fi Ogeessota Waajjira Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa namoota 14, Ogeessota seeraa Waajjiraa Mootumaa Adda addaa keesatti hojjetan namoota 20, qorattootaa fi leenjistoota inistiitiyutichaa namoota 6 fi hoogansa inistiitiyuutichaa namoota 2, walumatti qabaadhaan namoota 56 (dhiira 48 fi dubartii 8) f leenjii kennamee jira.
Hooggansaa fi jijjiirama hooggansaa: yaad rimee hooggansaa fi hooggansa jijjiiramaa hubachuudhaan, dandeettii fi gahumsa hoogansummaa isaanii fi jijjiirama qaamoolee haqaa keessatti dhufuu qabaatu ittiin hooganuu akka danda’an dandeettii isaanii guddisuudhaaf Pireezidaantoota Manneen Murtii Godinaalee fi Aanaalee dabalatee namoota 55 (dhiira 52 fi dubartii 3); Itti Gaftamtoota Manneen Hojii Abbaa Alangaa Godinaalee Oromiyaatiif namoota 46(dhiira 46), leenjistoota 2 (dhiira 2) walumatti qabaadhaan namoota 103 f leenjii mata duree hooggansaa fi jijjiirama hooggansaa jedhu irratti kennamee jira.
Hordoffii, Madaallii fi Gabaasa Bu’aa Irratti Xiyeefate:dandeettii fi gahumsa; Hordoffii karoora irratti hundaa’e ittiin taasisuu danda’an, Madaallii karoora bu’uurefatee bu’aa irratti xiyeefate ittiin gaggeessuu danda’an, Gabaasa bu’aa irratti xiyeefate qopheessuu fi dhiyeessuu ittiin danda’an akka horataniif hooggantoota Manneen Murtii Waliigala Oromiyaa, Pireezidaantoota Manneen Murtii Ol’aanaa Godinaalee fi Ogeessota dhimmi ilaaltu( Abbootii Adeemsaa Karooraa fi gamaagama rawwii) namoota 120 (dhiira 111 fi dubartii 9) f leenjin mata duree hordoffii, madaallii fi gabaasa bu’aa irratti xiyefate jedhamu irratti kennamee jira.