Yakki tokkoo eenyuun, eessatti fi akkamiin raawwatamee kan jedhu adda baasuuf qorannaa yakkaa saayinsaawaa ta’ee fayyadamuun murtii haqa qabeessa fi qulqulluu ta’ee keenniisisuu fi ol’aantummaa seeraa kallattii hundaan mirkanaa’ee misoomaa fi nageenyaa itti fuffinsa qabu diriirsuuf gaheen qorattoota poolisii sadarkaa sadarkaan jiran murteessa dha.
Bu’uruma kanaan Inistiitiyuutichii, Leenjii dandeetti ogeessoota qorattoota poolisii gabbisuu,adeemsa qorannaa yakkaa keessattii gahumsii qorataa yakkaa tokkoo qabaachuu qabuu maal ta’u qaba,qabiyyeen ragaa fi iddoo yakki itti raawwatamee ilaalchiisee hubannoo qaban irrattii daran cimsuu ,Af-gaafii fi jacha fudhachuu wal qabatee fi hojii irra olmaa isaati fi naamusni iddoo hojii ogumichii barbaaduu ogeessota kana gonfachiisuuf kaayyeeffatee qorattoota poolisii 35’f guyyoota ( 04-05/04/2012) leenjii kennee jira.
Dhuma leenjii kana irrattis, leenjifamtooni hubannoo argatan kana fayyadamuun maalummaa yakkaa fi dhugaa baasuu irratti hubannoo argatan kana fayyadamuun haqa qulqulluu fi amanamaa ta’e kennuun fayyadamummaa hawaasa hundaa mirkaneessuu akka qaban Daareektarrii Daareektooreeti Kenna Leenjii fi Tajaajila Gorsaa Seeraa Obbo Dhaabaa Dirribaan Dhaamani jiru.
Site Map
Contact Us
Oromia Legal Training and Research Institute
Tel: 022-110-0511
Fax:022-111-0902/022-112-37-44
PO Box:1238, Adama
Email: admin@ilqso.gov.et