Article

Leenjii Yeroo Gabaabaa Hojii irraa

Abbootii Seeraa Manneen Murtii Olaanaa fi Aanaaleetiif akkasumas Abbootii Alangaa Godinaa fi Aanaaleetif Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa fi Labsii Dhimmaa Beenyaa (Expropraiton) irratti ILOQHSOn Magaala Bishooftuutti kennamaa jira. Leenjiin kunis guyyoota sadiif kan turu yoo ta'u, haaluma walfakkaatuun marsaa sadiin kan kennamu ta'a.

Qabiyyeen Leenjichaas, dhimmota waraqaa waamichaa, Makamiinsa falmiitoota, Ajajoota fala kan yeroo fi Rawwii Murtii akkasumas labsii lafa faayidaa  hawaasaaf yammuu abbaan qabiyyee gadi lakkisu beenyaa murtaa'u ilaalchisee labsii haaraa bahe lakk. 1161/2011 irratti xiyyeeeffachuun kan kennamuudha.

kaayyoon leenjii kanaas, rakkoolee hojimaata keessatti mudatan hiikudhaan raawwii murtii si'ataa, qulqulluu fi haqa qabeessaa ta'e kennuu fi kenniinsa sirna haqaa Naannichaa dhugoomsuuf kaayyeeffatee leenjii keennamaa jiru akka ta'e ibsamee jira.

Corporate Site - This is a contributing Drupal Theme
Design by WeebPal.